Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaan ‘Dorgommii Guutuu Itoophiyaa’ Bahir Daritti Itti Jiranitti Atileetiksiin Warqii 31 Haratte


‘Dorogmmiin Guutuu Itoophgiyaa’ tun dorgommii naannoleen ganna lama lamatti wal dorgomtu.Baranallee ispoortii gosa hedduutiin wal dorgomuutti jiran.Akka amma jiru kanatti Oromiyaan madaaliyaa 40 tahu ka kana keessaa warqiin 31 moote.

Walumattuu akka leenjisaa Toleera Dinqaa jedhetti Oromiyaan madaaliyaa haga 40 caalu mootee laakkuma dorgomaaa deemaan madalaiyaan isiilleen dabalamaa dhufa. Gamuma atileetiksiitiin naannoon Amaaraa warqii torba,naannoon kibbaa warqii sadii fi naannoon Tigraay ammoo warqii tokko moote.

Atileetiksiin dhumattullee dorgommiin ispoortii hafan akka lakkoofsa Itoophiyaatti haga Bitootessa 21wal dorgoman.

Gama kaaniin ammoo Atileeottii Itoophiyaa maratoonii Xaliyaanaatti 1-3 bahan. Dorgommiit tana Roomii,magaalaa Eternal City jedhanitti wal dorgoaman. Maratooniin km 42 bokkaa fi karfaffuu keessa fiigaa wal dorgoman Shuumee Hayiluu tokkeessoo Ayyeluu Lammaa Gadaa lammeesoso Sisay Jissaa ammoo sadeessoo bahanii moo’an.Suumeen tokkeessoo bahe kun dorgommii km 42 tana 2:09: 47tti moo’e.

Maratooniin Itoophiyaan moote tun ACEA Marathon di Rome jedhanii wadlaa Federshiini Atileetiksii Addunyaa, IAAF-tti qopheessa. Dorgommiin tun 20essoo.

Kubbaa Miilaa
Itoophiyaan leenjisaa kubbaa miila haaraa qaxarachuuf nama barbaadachaa baate.Nama 27 walti hafee keessa hagii guddaan ka biyya alaatiii namii Itoophiyaa lamaan; Wubetuu Abaatee fi Yohannis Tesemmaati.Warra byya alaatii dorgome keessaa Jermenii, Portugal,Beljiyeem,Birazil,Xaliyaanaa, Serbiyaa, Dutch,fi Arjentiinaa faatti keessa jira.

Naayjeeriyaan dorgommii Kubbaa Miilaa Addunyaa Kosta Rikaatti taphatachuuttit jiran irratti Meksikoo 3-0 mootee afaan qabsiifte.

Dorgommiin tun ta ilmaan dubraa ganna 17 gadii (U-17) Kostaa Rikaatti taphachuutti jiran.

Goolii Naayjeeriyaan Meksikoon moote tana Rasheedat Ajibade,Uchenna Kanuu fi Aminat Yakubu galcheef.

Dorgommii U-17 tana biyya 16tti addunyaa keessaa filamee taphachuutti jiraa. Afrikaa keessaa Naayjeeriyaa,Gaanaa fi Zaambiyaatti dabre. Dorgommiin tun torbaan lamaan duubatti dhuamtti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG