Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qananiisaa Beqqelee Miilii Dhibamee Dorgommii Irraa Ture kaan Akkuma Deebi'een Maratoonii Paarisi Rekordii Haaraan Moo’e


Atileeti Qananiisaa Baqqalee maratoonii Paaris 2:05:06tti rekordii haaraan moo'e
Atileeti Qananiisaa Baqqalee maratoonii Paaris 2:05:06tti rekordii haaraan moo'e
Obboleessii Taarikuu Beqqelee,atileeti Qananiisaa Beqqelee eegii maratoonii dorgomuu jalqabee akkanuma moo’uma dhufee kaan guuruma guuree badhaasa warqii 23 qaba, dorgommii Paarisi irralleetti tokkoo dabalatee warqii tuulachumatti jira.

Atileetiin ganna 31 kun miilii bitaachii dhibamee haga ganna diqqaa tokkoo dorgommii irraa miila dhaabatee amma itti deebi’e.

Qananiisaan dorgommii 42 IAAF Ebala 05,2014 Faransaay,Paarisitti qopheesse Schneider Electric Marathon de Paris tana 2:05:06 moo’e.

Dorgommii namii haga kuma 50 tahu itti dorgomuuf karaatti baafate tun tana wliin 38essoo. Fiiguma fiiganii karaa km 27 fiiganii jennaan Qananiisaan keessaa kahe.Isaa fi Taammirataati Tolaa qofatti walti hafe.

Isallee bira dabree moo’e.Qananiisaan rekodii haaraa tana ta bara 2012 keessa atileetii Keenyaa Stanley Biwotitti 2:05:12 caalee moo’e.

Seenaan addunyaatti namii akka Qananiisaa kana km 42 tana ariifatee moo’e addunyaa tana irraayyuu nama jaha.Sunuu namaii ganna 30 oli ka km 42 tana akkanatti moo’e dhibiin hin jiru.Qananiisaan nama ganna 31ti.

Namii Qananiisaatti aanee lammeessoo tahe ammo atileetuma Itoophiyaa Limenih Getachew 2:06:49 gale.Sadeessoon Luca Kanda atileeetii Keenyaa 2:08:02 moo’e.

Gama dubraatiin atileetii Keenyaa Flomena Cheyech 2:22:44 tokkeessoo,Yebrqual Melesee 2:26:21 lammeessoo fi Zemzem Ahmed ammoo 2:29:35tti sadeessoo taate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG