Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Leenjisaa Kubbaa Miilaa Haaraa Serbiyaa Filattee Mariif Finfinneetti Yaamte


Leenjsiaan haarahii Sewunet Bishawu fulaa bu’ee hojjachuuf yaaman kun, Goran Stevanovic nama dhalootaan Saaybeeriyaatii durii garee kubbaa miilaa Gaanaatii fi itti aanaa leenjisaa garee Serbiyaa Montenegroo tahee hojjachaa bahe.

Akka perzdanatiin Federeshiinii kubbaa miilaa Itoophiyaa, obboo Juneddiin Bashaa jedhetti leenjisaa kana nama afran warra 27 keessaa walti hafe keessaa filan.

Dhiyoottuu Finfinnee dhufee waan kontoraata isaa bulchoota kubbaa miilaa waliin mari’ata leenjisaan haarahii kun.

“Akka innii torbaan dhufu Finfinnee dhufee waan hujii isaa irratti mari’atu yaamuutti jirra.Waan mindaa isaa,hujii isaa,hoteelaa fi waan hedduu irratti mari’anna.”

Istivanoovichii(Stevanovic) kun nama ganna 47ti.Itoophiyaan akka obboo Juneddiinitti itti aanaa leenjsiaa Itoophiyaa tolfachuu feeti taatullee leenjisaa haaraa kanaan wal mari’atti.

Oduun tokko tokko Itoophiyaan leenjisaa haaraa filattee adoo hin turinuu huji irraa gussite jetti, taatullee koreen teknikaa jara hujii tanaa dorgome afran walti hafe keessaa nama biyya Portugal, Mario Bartiisee dubbisuuf barbaaddee dhabdee jedha obboo Juneddiin.

Walumattu nama 27 leenjisaa Waaliyaa tahuuf biyya akka akkaa keessaa dorgome. Leenjsiaa kubbaa miilaa Itoophiyaa ka durii Gurrandhalaa dabre hujii irraa dhaaban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG