Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Farra Sodoomotaa Finfinnee Ni Hafe


Waa’ee qophee adeemsa miillaan hiriira geggeessuu ibsi kennamee guyyoota lama keessatti ture hafuun isaa dubbatamuun kan jalqabame. Sodoomummaa fi aadaawwan bakka biroo dhufan ittisuu mata duree jedhuun Ebla 18 geggeessamuuf kan ture adeemsi miillaa kan hafe kan beeksise garee hiriira sana qindeessan keessaa tokko waldaa Mahbere weyineye T/Haimanot ture. Dura taa’aan waldaa kanaa Memir Dereje negas VOAf ibsee jira.

Amma kan jiru hiriirri nagaa sana geggeessuun kan hin danda’amne ta’uu isaa ti. Yeroo hin murtoofneef dhaabateera. Kanas dura taa’aan Fooremii dagaggoota Finfinnee obbo Tsegaye fi miseensonni koree sanaa natti himaniiru. Waraqaa geggeessuun hin danda’amu jedhu bulchiinsa magaalaa Finfinnee harkaa kan fudanis isaan turan.

Memir Derejeen akka jedhetti adeemsa miillaa sana qofaa utuu hin taane waltajjiin marii mata duree wal fakkaatu irratti geggeessamuuf tures hafee jira. Mariin sun geggeessamuuf kan ture sanbata darbe Ebla 4 bara 2006 galma bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti yoo ta’u sunis hafeeraa jedhe. Waltajjii T/Himanoti qabee hospitaala Tikur Anbesaa bira darbuu dhaan hanga waltajjii Ethio Cubatti ta’uuf kan ture adeems miillaa geggeessuuf iyyata kan galfatan waldoolii lama turan.

Mahbere wyiniye T/Hamimanoti fi fooremii dargaggoota Finfinnee turan. Bulchiinsi fooremii dargaggoota Finfinnee dhimma kana irratti yaada kennuu irraa of qusataniiru. Irra deddebsuun bilbilus deebii hin arganne jedha Eskinder. Hiriirri kun akka geggeeffamu sabaa himaaleen sadarkaa addunyaa gabaasan iyyuu waa’ee dhorkamuu isaa garuu qamni kam iyyuu ibsa hin kennine. Memir Derejen hiriirri kun kan hambifameef waldaa inni dhimma hoogganuttii hidhata qabuuni jedhee jira.

Sababaa isa sirrii ta’e baruu hin dandeenye. Geggeessuun akka hin danda’ame natti himan. yeroo nuti ibsa kennuuf qophoofnutti immoo bilbilli tokko waldaa Kirstaanaa Orotodox irraa bilbilamuu dhaan hiriira sana dhaabsisuuf akka dhaqan fooromii dargaggootaa irraa obbo Markositti himame. Mahbere Weyiniyyeen waldaa uggurame waan ta’eef nuyiin bakka hin bu’u. kanaaf dhimma kana waan ilaaleen rakkoon yoo uumame nu hin ilaallatu jechuu isaanii natti himan.

Mahbere Weyinyen kan seeraas haa ta’u hin ta’in gaaffi sun gaaffii biyyaa hamma ta’ee jirutti, amantii kan hin qabaanne illee yoo gaafate deggeramuu qaba. Kanaaf namoota waldaa Kirstaanaa irraa dhaqanitti gaddeera qofaa utuu hin taane itti qaana’eera jedhe.
Dhimmi kun dhimma waldaa tokkoo qofa utuu hin taane dhimma uummataa ti kan jedhu Memir Derejen miidhaa inni dhaqqabsiisaa adeemu bal’ataa waan deemeef uummata dadammaqsuuf ture jedhee jira.

Mahbere Weyinye Abune T/Haimanot kaaba shawaatti kan argamu gedaamii weyinye Abune T/Hamimanot fi gedaamii kanneen biroo gargaaruuf jecha bara 1987 hundeeffame. Bulchiinsi waldaa kanaas bara 2001 jalqabee itti gaafatamtoota waldaa orotodoxii hanga tokko waliin wal dhibdee keessa akka ture memir derejen ibsee jira. Hojii keenya hanga ammaatti hojjetaa utuu jirruu sodoomummaa mormuu keenyaan attamiin ka seeraa miti jedhamne jedhee jira.

Sodoomummaan akka tabuutti biyya ilaalamu Eth keessatti mata duree kana irratti ibsi kannemu hin jiru. Waggoota sadii dura Finfinnee keessatti kan geggeessame gumii AIDS fi dhukkuboota quunnamtii saalaan daddarbanii irrattis hooggantoonni waldoolii orotodoxii, protestantii, katolikii fi musliimaa ibsi isaani gaazexeessota biyya keessaa fi alaaf kennuuf turanis akka tasaa hafuu isaatu ibsame. Sababaan isaas hin beekamne.

Embasiin Ameerikaas lammiiwwan isaa bakka hiriiri sun geggeesamutti akka hin argamne akeekkachiiseera. Hiriiri sun hafuun isaa ibsamu dura embasiin Amerikaa finfinnee jiru ibsa baaseen hiriirawwaan kan nagaati jedhaman iyyuu gara hookkaraatti jijjiiramuu malu jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG