Xurree ittiin seenan

Qorannoon Haarahii Baate Tokko Fiigichii Bara Kai’moomaa Herrega Mataa Namaa Dabalaa Jettti

  • Soraa Halakee

Fiigichii nafa namaa diriisuu qofaa mitii herrega mataa namaa ballisaa jedha gabaasii dhiyoo bahe

Fiigichii nafa namaa diriisuu qofaa mitii herrega mataa namaa ballisaa jedha gabaasii dhiyoo bahe

Akka gabaasii saayintistootii USA gabaasa dhiyoo tana baasan keessatti jedhanitti namii dargaggummaan,gaafa gannii 20 keessa utaalchaa (fiigicha), bisaan daakuu fi biskileetii ooofuu amaleeffate herregii mataa dabalaaf deema.

Qorattootii yuniversitii MN nama 3000 ganna 25 qoratanii gabaasa kana baasan.Akka qorannoo tanaatti namii yoo fiigu nafii isaa qilleensa Oksijiinii jedhan haga guddaan fudahchuu barata.

Oksijiiniin oksijiinii baata,hiddii dhiigaa qilleensa sun argannaan akka dansaa direeree dhiigaa karaa banee onnellee fayyaaletti uuma.

Onneen fayyaalettin ammoo herrega mataatti namaa dabalaa jedha gabaasi kun.Tanaaf sipoortii fayyaa namaatii faaydaa qabdi jedha.

Gama kubbaa miilaatti yoo deebinuma ammoo dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa jalqabuuf guyyaa 59 hafe.

Biyyaa 32 malaa fi maltee,jabeennaa fi qarooma kubbaa miilaa bara hedduu walti qopheeffachaa bahan Biraazil irratti wal agarsiifatan.Kana keessaa shan ta biyya Afirkaati; Aljeeriyaa, Naayjeeriyaa,Gaanaa,AyvooriiKosti fi Kaameruun.

Akka maanajerii kilabii Chelsii ka durii,Avram Grant jedhutti biyyootii Afrikaa shana tun moohamanii galuu dhiisii isumaa moohacha dhufanii gara biyyoota walti hafanitti oli bahuu dandahaniiyyuu jedha.

Keessumattuu akka manaajera kanaatti Ayvoorii Kosti,Gaanaa fi Naayjeriyaan yoo qalbiilleen jabaatan warra oli bahee moohannaaf walti hafuu keessaayyuu tokko tahuu dandahan. Milkaahaa jenneen!
XS
SM
MD
LG