Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollee Dubraa 100 Caalan Warrii Qawwee Mana Barumsa Naayjeeriyaatii Fa’atee Dabreen Barbaadumatti Jiran


Ijoollee dubraa 100 caalaan milishootii islaamummaa fa'tanii dabruun hin oolan jedhan tana godina Bornootii guurratan
Ijoollee dubraa 100 caalaan milishootii islaamummaa fa'tanii dabruun hin oolan jedhan tana godina Bornootii guurratan
Hajajii odeeffannoo waraana Naayjeeriyaa ijoollee 107 keessaa saddeeta qofatti dhabame jedhee labsullee daarektera mana barumsa ijoollee dubra godina Bornoo odeeffannoon waraanaa sun tokkolleen dhugaaniti jetti.

Akka jecha daarektera Asabe Kwamburati ijoollee tana keessaa 14 qofatti gadi dhiifamee taanillee barbaadii ittuma jira.

Ganamuma tokkoo warrii qawwee tokko lafatti baafatee manneen barnootaa, manneen akimii fi waan hedduu caaccabsee mana barnoota ijoollee dubraa lolee ijoollee fahatee dabreen.

Perzdaantiin Naayjeeriyaa Goodluck Jonanatan ammoo akka waraanii biyya isaanii ijoollee tana barbaadee harka warra isaan qabeetii isaan baasu haaje.

Naayjeeriyaan biyya zayitiin badhaate taatullee yoo hedduu warra qawwee ka gurmaahetti maqaa amantiitii fi waan akka akkaatiin nama rakkisee jireenna hammeessa.

Warrii ijoollee dubraa mana barmusaa Naayjeeriyaa kanaa guurratee dabreen ammatti beekamuu baatullee yoo hedduu dubbii akkanaa milishoota Boko Haramiin shakkan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG