Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Itoophiyaan Gargaarsaa Argachuuf Jettee Seeraa Ittiin Bultu Hin Gurgurree Hin Gurgurtullee’


Muummeen ministera Itoophiyaa,Obbo Hayilee Mariyam Dessaalenyi yoo hujii mootummaan isaanii ji’a sagal keessa hojjate gabaasetti waan hedduu maqaa dhahe.

Tana keessaa tokkoo dinageen Itoophiyaa bara 2014 keessa harka 11.3 guddattiin eeganillee gabayaan alaa haga jedhanitti hin taane.Gama kaaniin ammooo mootummaan isaanii akka Masriin marii araaraa ta hujii Hidha-Abbaayaa irratti jalqabanitti deebitu feeti.


Tana maleellee mootummaan isaanii dubbii daariin Itoophiyaan Suudan waliin qabdu irratti seera haaraa biyya sun waliin qabu akka hin dubbate.

Gaafiin dhibiin muummee ministeraa gaafatan ammoo biyyootii Dhiyaa mootummaa dhiiraa fi dhiiraa ykn dhalaa wal fuusisuu didee fkn akka Ugaandaa faa gargaarsa hin kennituu tanana maan jetta jennaan;Itoophiyaan gargaarsa argahuuf jettee seeraa fi himaamamta jijjiirte hin qabduu,hin qabaattullee jedhe.

Taatullee biyyootii gargaarsa kennanilleen horii isaanii yoo wannii isaan itti kennaniif isaan hin gammachiisin kennuu diduun mirga isaaniiti.Warrii waan warri gargaasa kennuu hin itti hin gammanne tolchuu ammoo adabamuu fa dandahaa jedha.

Itoophiyaatti dhiiraa fi dhiiraa fi dhalaan wal fuudhu dhiifama malee adabama,tana irratti seerii bahee mariif paarlaamaatti dhiyaachuuf qophaahelleen hin dhiyaanne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG