Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Itiyoopoyaa Washington DC keessatti hiriira geggeessan


Lammiiwwan Itiyoopiyaa washington DC keessatti hiriira mormii ba'an
Lammiiwwan Itiyoopiyaa washington DC keessatti hiriira mormii ba'an
Lammiiwwan Itiyoopiyaa Seeraan ala laftii jalaa fudhatamuu mormuun ijoollee oromoo hiriiran Rasaasaan fixuun akkasumas bakki dahannaa isaanii irratti diigamee ijoollee isaanii lafa bulchan dhabanii iyyataa kan jiran jiraattoota magaalaa Goondar irratti tarkaanfii ajjechaa dudhatame mormuun ba’an.

Kana malees/Gazexxesootaa fi kanneen marsariitii irratti barreessa kan zoon 9 jedhaman yaada isaanii walaba ta’anii ibsuu yaalanii hidhamuun/ akkasumas miseensoota samaayaawii paartii irratti/ reebichaa fi hidhaa gaggeeffame mormina jedhan.

Mootummaan gosa irratti hundaa’ee kan Itiyoophiyaa gocha raawwataa jiruun/ biyyatti balaa irra buuse jedhu.Hirmaatoota Hiriira kanaa keessaa tokko akkas jedhu.

Mootummaan Itiyoophiyaa kanneen bakka adda addaatti yakka rawwatan seera duratti akka dhiyeessuuf gaafatanii jiru. Iyyata Hiriirtoota kanaa ba’anii kan fuudhat verneel Trim/ ministrii dantaa alaa Amerikaa keessatti itti gaafatamtuu Deeskii Itiyoophiyaa turan.

Nutis Itiyoophiyaa dhaa reefuu gallee. Haala uumamee fi lubbuu namaa badeef gaddineerra jedhanii/ isiin giddutti marii fi obsii akka jiraatu jajjabeesina jedhan. Dhuma irrattis gaaffii dhiyeeffatan kutaa dhimmi ilaaluutti nan dhiyeessa jedhanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG