Xurree ittiin seenan

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Hiriira Baratootaa Irraatti Ibsa Kennan

  • VOA

Magaalaa Finfinneefi naannoo isheetti kan argaman magaalaalee godina addaa kan oromiyaa kan ilaaleen Maastar Plaanii ba’e sababaa gochuun kanneen jeeqama uumuuf qooda addaa qabaatan addaan baasuun mootummaan Itiyoophiyaa tarkaanfii kan fudhatu ta’u mummichi ministeera Haaylee aariyaam Dassaaleeny ibsanii jiru.

Sababaa kanaan jeeqama kaasuun sirna biyyatti kan heera irratti hundaa’ee diiguuf humnootii barbaabaadaniin sobaa fi jette jetteen kan qindaa’ee jedhan.

Gama kaaniin dura taa’aa paartii kongreesa Federaalistii Oromoo Obbo Baqqalaa Nagaa yaada kennaniin waan mootummaan Itiyoophiyaa dubbatuu fi dhugaan lafa sana irra jiru quba wal hin qabu.

Ijoolleen nagaa hiriiran irratti dhukaasanii ajjessuun jeeqama kan uume mootummaa dha jedhu.
XS
SM
MD
LG