Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perezdaantiin Indii Haara'ii Imimmaan Haqachaa Kora Paarlaamaa Irratti dubbatee, Dhiyootti Mootummaa Yayyabata


Perzdaanti Narendar Modi(ka gama bitaa) torbaan tokko keessatti mootummaa haaraa yayyaba
Perzdaanti Narendar Modi(ka gama bitaa) torbaan tokko keessatti mootummaa haaraa yayyaba
Perzdaantiin Indii Haar’ii Imimmaan Qabachaa Kora Paarlaamaa isaanii irratti dubbate Paartiin mormituu siyaasaa Indii,BJP waan ganna hedduu keessatti argattee hin beenne filannoo bara 2014 harka 50 oliin moote.

Bulchaan haara'ii, Narendra Modi balbala paarlaamaa gahee jennaan lafa dhungachaa oli seene.

Itti gaafatamtootii Paartii BJP Caamsaa 26,2014 kakatanii hujii jalqaban.

Perezdaantiin Indii, Shri Pranab Mukherjee akka itti mootummaan Indii haarahii faan torbaan tokko keessatti mootummaa haaraa yayyabatu gaafate.

Moodiin yoo jalqabaaf kora paarlaamaa isaanii irratti dubbatellee hiyyuma durii keessaa dhufee fi itti gaafatama amma itti deemu qaabatee miira hammaachaa dubbate.

Jaarsii ganna 63 kun, filannoo biyya isaaii akkuma jirutti moohachuun hujiin tun hujii abdiin fi wal amanuun guutamte tahuu agarsiisaa jedha.

“Mataa hiyyeessaa oli,ka nama humna laafaa hawwanii fi ijoollee oli qabaa jedhee waadaa gale.”

BJP,Paartii hortee Nehru–Gandhi eegii Indiin bilisoomtee asitti ganna afurtmaaa haga 60f siyaasaa Indii bulchuu keessa qooda qabaachaa dhufte moote.

Itti gaafamtatootii paartii hortee Gandii, Soniya Gandiiti fi Raul Gadnii moohamuu paartii isaaniitti balleessaa fudahtanii huji irraa bu’uuf gaafatnaillee ya irratti didan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG