Xurree ittiin seenan

Masriin Abdel-Fattah el-Sissii Perzdaantiif Filatte

  • VOA

Filannoo Masrii tana nama miliyoona 54 perzdaantii filate

Filannoo Masrii tana nama miliyoona 54 perzdaantii filate

El-Siisiin amma perzdaanti Masri tahee filatame kun duraan hajajaa waraana biyya suniiti.Filannoo tana %93 moo’e.

Gaafa hujii tanaa dorgomu jireenna Masrii ka dadaaqaa deemu jabeessee gadi dhaabee siyaasaa Masriillee wayyeessa jedhee dorgomaa bahe.

Filannoo El-Siisiin moo’e tana nama miliyoona 54 bahee filate.Warrii waldaan Awurooppaa dabaa fi qajeeluma filannoo tanaati ergatelleen filannoon tun adabitti nagaan deemtee jedhe.

Masriin ganna diqqaa keessatti mootummaa sadii argite.
Masriin eegii perzdaanti isii ka bara dheeraa biyya tana bulchaa bahe,Hosnii Mubaarek hujii irraa buusanii isaafi maatii isaallee hidhanii asitti Mubaarek waliin mootummaa sadiitti bara dhiyoo kana bulche.
XS
SM
MD
LG