Xurree ittiin seenan

Ameerikaan Waltajjii Addunyaa Irratti Yeroo mara dursuu Qabdi jedhan Prezidaant Baraak Obaamaan

  • Tuujubee Kuussaa

Prezidaant Baraak Obaamaa

Prezidaant Baraak Obaamaa

Prezidaant Barack Obaman haasaa Akaadaamii ykn waaltaa waraanaa west point keessatti haasaa dhageesisanii turan ilaalchisuu dhaan xiinxaltoonni yaada gama isaanii kennaniiru.

Kolombiyaa Yuniversitii irraa Jawaar Mohaammed ibsa nuu kenneen haasaan presidaant Obaamaa kan presidaantota duraan turanii irraa adda ta’uu baatus kan isaan nuti addunyaa hoogganna jechaa biyyoota rakkoo fi walitti bu’iinsi keessatti uumamaniif garuu deebii kan kenninu qofaa keenya miti.

Dantaan Ameerikaa yoo tuqame biyyi isaanii tarkaanfii gama ishee ni fudhatti isa kaaniif garuu michoota ishee waliin yoo ta’e malee itti hin adeemtu ka jedhan Jawaar kan komee dhaqqabsiise jedha. Gama Afriikaa dhaloota AIDS irraa walaba ta’e uumuuf haasaa isaan dhageesisanis kaka’umsi sun kan isaanii utuu hin taane kan presidaanticha duraanii kan Joorj Buush jedha Jawaara.
XS
SM
MD
LG