Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommiin Kubbaa Miilaa Addunyaa Guyyaa Jaheessoo Keessa Jirtii Nezeralandis Awustiraaliyaa 3-2 Moote


Nezerlandis goolii 6n garee 'B' keessaa tokkeesso jirti.
Nezerlandis goolii 6n garee 'B' keessaa tokkeesso jirti.
Nezerlandis hardhallee Awustiraaliyaa 3-2 mootee jabeenna isiin kubbaa miilaa irratti qabdu kuufachaa deemumatti jirti.

Dheengadda Spain 5-1 moote amma qabxii itti dablachuun isiin akka isiin biyya waancaa addunyaatii abdatan taatu tolchite.

Oraanjeen duubumaa dhufanii tapha Awustiralaiyaa waliin taphatte kana harkumattui deebifattee moote.Akkuma kanaan garee isii ‘B’ keessaa qabxii 6n dura jirti.

Goolii qaraa Robbenitti daqiiqaa 20esso irratti keessa buuseef.Roben kubbaa itti kennan fuudhee barriseenii taphataa Awutiraaliaya Mat Ryan biraan barrisee dabree gooliitti cuqaale.

Awutiraaliyaalleen daqiiquma sagaln tokko jalaa turrtee adabbii argattee keessa buufatte.
Akkanuma jechaa tapahtaan Nezerlands Robin Van Persie daqiiqaa 58esso irratti goolii tokko dabale.Daqiiqaa 10n duubatti Mephis Debi tokko iti daree Nezerlands 302 moote.

Tapha kaleetti Biraazilii fi Meksikoon 0-0, garagara galanii akka maqaa warrii baafateetti yo yaamne sheexanii didiiamaa Beeljiyeem geedal gammoojjii ALjeeriyaa 2-1 moohe. Raashiuyaa fi Kooriyaan Kibbaa 1-1 walqixxee bahan.

Warri itti aanee tapahtu Ispeenii fi Chiilee.Ispeen moohachuu baannaan tapha kessaa galuun mirkana.

Maanajerii Spain taphattoota isaa fulaa itti jijijiirullee hin oolu.Keessattuu nama gooli eeguuf gooliin hedduun irraan galte Iker Casillas jijjiiru hin oolu.

Itti aanee ammoo Croatia fi Kaameruunitti tapahtaa. Croatia-n Jimaata dabre Biraazil waliin taphattee moohamte. Taphataan isii ka tapha kanaa abdatan Mario Mandzukic hardha hin taphataaf.Cameroon waan abdii guddoo qabdu hin fakkaattu.

Namii isiin abdattu Samaule Etoo tapha onanaa irratiti gulubiin jilbaa wa taate taan hin goomneef fulaa isaa Pierre Webo itti jijjiiruu hin oolan.

Akka jarii kun maqaa baafatetti Nyaancii namaa hin hille ka Caameroon hardha yo Croatia waliin tapahtu ykn dhuguma nyeenca tahuu baannaan nyeenci qaxurree tahu hin oolu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG