Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ahmed Muusaa Goolii Lama Galchee Naayjeeiryaa Dorgommii Waancaa Addunyaa Marsaa Lammeessootii Dabarse.


Goolii Ahmed Muusaa nama ganna 21
Goolii Ahmed Muusaa nama ganna 21
Goolii Ahmed Muusaa galchetti Naayjeeriyaa dorgommii itti aantutti dabarse
Goolii Ahmed Muusaa galchetti Naayjeeriyaa dorgommii itti aantutti dabarse

​Dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa guyyaa 13essoo keessa jiran ta marro 40 caalaan tapahtanitt goolii 120 caaltutti gale.

Haga Neymerarii fi Messiitti goolii afuriin tokkeessoo jira.Tapha Arjentiinaatti goolii 5tti gale. Argentiinaan sadii,Naayjeeiryaan lama galfatte.Qara Meesiitti daqiiqaa sadeessoo irratti keessa buufatee Ahmed Muusaatti daqiqaa afreessoo irratti goolii tokko galfatee 1-1 tahan.

Meesiin ammallee daqiiqaa 46 irratti dabalatee 2-1 tahan.Ahmed Musaalleen daqiiaa 47 irratti tanaan lammeeffachu jedhee keessa abuufatee 2-2 tahan.

Marco Roojoolleen goolii sadeessoo daqiiqaa 50eesso irratti Arjentiinaa galchee taphii 3-2 dhumate.

Goolii lamaan Ahmed Muusaa galchetti akka Naayjeeriyaan waan bara 1998 asitti argattee hin beette biyya 16n dorgommii tanaa walti hafan tolche. Arjentiinaalleen dorgommii tanaa qaata dabarte.Ahmed Muusaa gurbaa ganna 21,kialbi Raashiyaa CSKA taphata.

Gama kaaniin ammoo taphataan Uraagaay Luuhis Suharez dhiyoo dorgommi kubbaa miilaa Biraazilitti irratti ittuma gadi jedhee nama taphataa Xaliyaanaa waliin taphatan tokko kutate.

FIFA dubbii tana hubatee akka waldaan kubbaa miilaa Urugaayii fi namichi nama ciniine jedhan kunillee haga galgala kanaatti yaada isaani kennan hahaje.

Suhareziin kun daqiiqaa 80esso irratti taphata Xaliyaanaa Giyorgiyo Chiellini adoo kubbaa wal irratti qabuutti jiranuu ittuma gadi jedhee gurmuu bitaattii kutate.

Fifan dubbii tana qorachuutti jiraa yoo balleessaa itti muran Suhaarez dorgommii hedduu irraa dhaabuu dandahan.

Xaliyaanii namii irraa ciniiname tun kalee moohamtee dorgommii kubbaa miilaa keessaa baatee Uraagaay ammo biyya 16n walti hafan keessaa tokkoo ammallee tapha adii afurillee taphachuu dandeetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG