Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Tanaan afreeffachoo!'Jermeniin Arjentiinaa Mootee Waancaa fi $Miliyoona 35 Argattee Manaajerii Biraazil Ammoo Ya Huji Irraa Bu’e


Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa bara 2014 Jeremenitti marroo afreesosofmoo'e
Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa bara 2014 Jeremenitti marroo afreesosofmoo'e

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa biyyitii 32 Biraazilitti taphachaa bahan kalee,Adoolessa 13,2014 dhumatee Jeremniitti ittuma du’ee daqiiqaa 113esso goolii glafate waancaa fudhate.

Goolii takkittii Jeremiin badhaafamteen tana gurbaa ganna 24,Mario Götze ka jijjiiranii seenetti goolii galcheef.

Gotzeee kubbaa gamaa itti kennan qoma irra buufatee goolii keessa buuse.Qaanqeen gammachuu dirree istaadiyoomii Maracana keessaa xinnixxe,lafa itti bashannanii haga manneen nyaataa dhugaati hagi tokko guutamee unaa daadhiitu hin hirdhanne waliin geette.

Chaansileerii Jermenii Angilaa Merkel dabalee bulchiita hedduutti daawwii dhufe. Biraazil nugusa kubbaa miilaa taatee marroo shan waancaa kubbaa miilaa addunyaa moote taan barana hin taaneef tapha lamatti goolii 10 itti galee manajera isaanii Scholarie ya hujii irraa buusan.

Gama kaaniin ammoo maanajera kubbaa miilaa Biraazil Luiz Felipe Scolari, jaarsa ganna 65 ya hujii irraa buusan.Scolari moohamuu biyya isaatiif dhiifama gaafatee hujii irraa bu’e. Scholr biyya 2002 keessa biyya isaa waancaa kubbaa miilaa moohachiisee oli guddisaa dhufe.

Badhaasa FIFA

FIFA,federeshiiniin waldaa kubbaa miilaa addunyaa biyyoota dorgommii Waanc Kubba Miilaa Addunyaa baranaa moohataniif badhaasa doolara miliyoona 35 kenne.

Biyya 16 walti hafan tokko tokko isaaniitii doolara miliyoona sagal sagalii,afran walti hafani ammoo tokko tokkoo isaaniitiif doolara miliyoona 14,ta sadarkaa afreessoo taateef doolara miliyoona 18,ta sadeessoof doolaa miliyoona 20, ta lammeessoo taatee miliyoona 24 fi ta tokkeessootiif ammoo doolara miliyoona 35 kenne.

Ispayin gaafa bara 2010 dorgommii akkanaa moote doolara miliyoona 30 badhaafamte.

Dorgommii Waanca Kubbaa Miilaa bara 2014 walumattu goolii 171 gale.Tana keessaa tapha lama qofa irratti goolii 10 Biraazilitti gale.Torba Jeremnitti itti galchee sadii ammoo Nezerlaadnitti dabaleef.

FIFA taphataa Arjentiinaa Lionel Messi, biyya isaa jabeessee dorgommii addunyaatiin gahee jette kubbaa warqii badhaasan Diyaagoo Maradoonaa ammoo Meesiin badhaasii kun isaa hin mallee jedhe.

Dorgommii tana gaazexeessitota 2,500 biyya suni dhufee oduu jirtu addunyaatti hime.

Dorgommiin Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa bara 2018 Raashiyaatti taphatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG