Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Hegereen Afriikaa harka Dargaggootaa jira” jedhan Giifti dureen Ameerikaa


Afeerraa prezidaantii Yunaaytid Isteetes Baaraak Obaamaatiin wal ga’iin daraggootqa biyyoota Afriikaa dhibba shan waliin as Washington DC keessatti geggeessamaa ture har’a guyyaa sadaffaa fi ka xumuraa irra ga’ee jira.

Wal ga’ii har’aa irratti haasaa kan dhageessisan giifti duree Ameerikaa Misheel Obaamaa turan. Wahington DC-tti kan argamu galma wal ga’ii hoteela Omni Shoram jedhamu erga seenanii booda gara waltajjii wal ga’ii sanaatti kan simate daragaggoo lammii Uganda Joon Elimaa jedhamu ture.

Giifti dureen Ameerikaa Misheel kan isaan daran irratti fuulleffatan dhimma dubartootaa irratti yoo ta’u statistiksiin isaa yeroo ilaalamu addunyaa keessaa dubartoonni miliyoona jaa’atamii lama barnoota hin qaban kun immoo hedduu nama gaddisiisa jedhan.

Dubartoota barsiisuu akkasumas leenjii adda addaa kennuu dhaan humna horachiisuuf hanqinne maallaqa qofaa miti kan jedhan Misheel Obama ilaalcha maatii isaanii fi hawaasa keessa jiraatanii jirjjiiruun barbaachisaa dha jedhan.

Ilaalchi dubartiif jiru fakkeenyaaf gara mana barnootaa akka hin dhaqne, umuriin utuu hin ga’in gaa’ila dhaabuuf dirqamuu akkasumas kittaannaa irratti raawwatamuuf hawaasis ni gumaacha jedhan.

Kan nama amman ta’e kana ta’uu kan ani danda’e jajjabina maatii koo biraa argadheen kan ka’e jechuu dhaan hegereen Afriikaa harka keessan waan jiruuf murannoon hojjechuu qabdu jechuun dargaggoota kanaaf dhaamsa dabarsanii jiru.

XS
SM
MD
LG