Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Sudaan Kibbaa Deebi’ee Jalqabamuuf


Mariin araaraa gareelee Sudaan Kibbaa bakka yeroo dheeraaf itti geggeessamaa ture - magaalaa Finfinnee irraa - gara magaalaa kiiloo-meetira 578 gara Kaaba Dhihaa-tti fagaattee argamtu – Baahir Daartti geessamee -- Boor, yokaan guyyoota itti aanan akka jalqabamu - araar-teessonni gama Mootummaa fi ka mormitootaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf mirkaneessanii jiran. Kan araara sana maanguddummaan geggeessan - aangawoonni IGAAD garuu, haga ammaatti homaa hin dubbanne.

Ka Baahir Daar irraa, gabaasaan keenya telefoonaan dubbise - Ministarri Beeksisaa Mootummaa Sudaan Kibbaa fi dubbi-himaan araarteessota garee mootummihcaa – Maaykil Maakuwii Luwis ofii isaanii qophaawanii, dhufaatiin araarteessota garee biroo kan eegaa jiran ta’uu gabaasaa keenyatti himan.

Akka dubbi-himaan araar-teessota Mootummaa Sudaan Kibbaa kun jedhanitti Bakka-bu’oonni hawaasa Siivikii, ka dhaabota siyaasaa, ka dhaabbatoota amantii, ka waldaa dubarootaa fi ka dhaabbatoota ka biroo marii araaraa kanaaf magaalaa Baahir Daar galanii jiran.

Kan amma eegamaa jiran - araar-teessota mormitootaa fi aagawoota mootummaa duraanii mana-hidhaa tii hiikaman ta’uu dubbatan - aangawaan mootummaa Sudaan Kibbaa kun.

Gareeleen mormitootaa fi ka Mootummaa haga ammaa maali irratti akka walii-galan yeroo yaada wal-fakkaatu dubbataa hin jirretti deebi’ee jalqabamuuf deema - mariin ammaa kun.

Walakkeessa baatii Amajjii dabree irra -- ka dhukaasa-dhaabinsaa of-keessa qabu - walii-galtee wal-diinofachuu dhaabuu mallatteessuu isaanii gareeleen lameenuu ni duubbatu. Walii-galtee kana kan hojii irra oolchu - walii-galtee ka biraa “MATRIX” - jedhame mallatteessuu irratti yaada adda addaa kennan. Kan araaricha geggeessu - IGAAD fi gareen mootummaa Sudaan Kibbaa, gareeleen lameenuu akka walii-galtee akana mallatteessan dubbatu. Mormitoonni garuu, akka walii-galtee boodanaa kana hin mallatteessiin battaluma dubbatan. Kan aangawoota IGAAD-iin dhihaateef - galmee ittiin ka’insa ijaarsa mootummaa cehumsaas hin mallatteessine - jedhu - mormitoonni. Har’a illee ejjennoo isaanii akka hin jijjiiramiin ka dubbatan - dubb-himaan garee mormitootaa – Luul Kuwaang --- sababaan isaa - galmeen sun, Saalvaa Kiirii-n taayitaa irra tursiisuuf malee furmaata akka hin fidne itti dhaga’amuu isaa eeran.

Dhimmi isaa -- nuti, Bulchiisa Kiir keessatti taayitaa isaa qabatee turu hin feenu. Nuti, Bulchiinsa KIIR taayitaa keessaa hin qabne akka ijaaramu feena. Yaaddoon keenya ijoon kana. Akkasumas -- Bulchiisa, aangoo jiru mara isaaniif kennu otuu hin taane -- Bulchiisa itti aangoon jiru hundaaf qoodamu, qoodinsi aangoo ifaa tahe akka jiraatu feene. Galmeen sun garuu, aangoo jiru mara gama mootummaaf kenna, ol’aantummaa garee mootummaa eegaaf, Prezidaaantichaafis aangoo daangaa hin qabne kenna - jedhan - dubbi-himaan jila mormitootaa - Kuwang

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG