Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daawwannaa Abbaa Gadaa Ameerikaa keessaa


Abbaan Gadaa Tuulamaa fi Walitti-qabaan Abboota Gadaa Oromoo, Abbaa Gadaa Beyyenee Sanbatuu Roobii eega torbanneen as dhihoo tii as Yunaatid Isteets daawwataa jiran. Baatiilee Waxabajjii keessa kan hundeessame Gamtaa Abboota Gadaa kan hoogganan, Abbaa Gadaa Beyyeneen kaayyoon gamtaa Abboota Gadaa naannoolee Oromoo sirni Gadaa itti laaffatetti barnootaa fi leenjii kennuudhaan deebisanii jabeessuu, dargaggoota leenjisuu, tokkummaan Oromoo akka Gadaa jalatti cimu barsiisuu fi akka sirni kun Addunyaa irratti beekamu hojjechuu akka tahe dubbatu.

Sababaan as gara Yunaayitid Isteets isaan fides, hawaasa Oromoo biyya alaa jiraatu hojii sirna Gadaa deebisanii cimsuu kanatti hirmaachisuutti jajjabeessuuf akka tahe dubbatu. Simannaa hawaasaalee Oromoo kutaalee Yunaayitid Isteets irraa isaaniif tahes dinqsiifatanii jiran.

Gabaasa Guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:52 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG