Xurree ittiin seenan

Breaking News

Malaalaa Yuusufzay,Qabssooftuu Mirga Barnoota Ijoollee Dubraa Paakistaan Noobelii Badhaasan


Malalaa Yusufzayi,ganna 17 tun akka ijoollee dubraa Paakistan barnoota argatan hojjachuun beekamti.Namii ganna isiitti haga ammaatti badhaafame hin jiru.
Malalaa Yusufzayi,ganna 17 tun akka ijoollee dubraa Paakistan barnoota argatan hojjachuun beekamti.Namii ganna isiitti haga ammaatti badhaafame hin jiru.

Maqaan Malaalaa Yuusuf,eegii addunyaatti gadi bahee waggaa lamatti deemuutti jira.Intalii amma ganna 17 tun amma addunyaatti keessatti guddoo eekamte.

Duruu gaafa biyya isii Paaksitaan jirtu akka ilmaan dubraa carraa barnootaa argatan qabsaahaa baate.

Malaalaa tana Onkololeessa 9,2012 namichii Taalibaan tokko otoobusii isii fi waahelii isii keessa jiru seenee maqaa gaafate,isiin maqaa himannaan shugguxiin marroo sadii mataa keessa dhahe.Sunuma irraa dandamattee amma nama addunyaatti badhaafamu taate.

Itti gaafatamaan koree Noobeli Noorweey, THORBYOERN JAGLAND,warrii badhaafame du’aa fi jireenna jidduu dabree asi gahee jedha.

"Koreen tun Hindu fi Muslima,Indii fi Paakitaan baranoota jabeessanii jara biyya nagaa dhowwu irratti qabsaahuuf faaydaa guddaa qabdi.”

Malaalaan rasaasa dhahaniiniin wallaanuuf UK geessanii achumatti fayyitee,eegee biyya gara garaa irra martee waan barnootaa dubbachaa baate.
"Daahimii tokko,barsiisan tokko,kiitabi tokkoo fi qalaamuun tokko addunyaa jijjiiru dadneetti,”jetti.

Namii Malaalaa waliin badhaafame Kayilash Satyarthi,Indiitii qabsaaha barnoota joolleen Indiiti.Isaa fi waahleii isaa warshaa Indii ijoollee garboomfatani keessaa bahuu dhowwan cabsani ijoollee achii baasan.

Dhaaba ijoollee gargaaru dhaabanii akka ijoolleen garbummaa jalaa baate gargaaran

"Badhaasi kun kiyya qofaa miti ka ijollee carraa baranootaa dhabanii addunyaa keesatti rakkatan cufaa kenname.”

Badhaasa Noobelii nama addunyaan huji guddoo ummati faaydaa keessa argatu hojjate jedhani kennan.

Malaalaan Paakitaan keessaa naannoo Swat Valley, ka milishootit Taalibaan bulchan keessa jiraatti.Taalibaan jalatti buluun akkam hamtu akka taate adudnyaatti himti.

Keessumattu gaafa bara 2009 ka kutaa 11-2 barattu waan Taalibaan nama tolchan dubbachaa baate.Swt Valley keessatti ijoolleen dubraa barachuun dhowwaa.Isiin tanuma keessa baatee waan Taalibaan umamta Paaksitaan tolchan jette addunyaatti himaa baate.

Hujii saayinsii,oga-barruu, mirga ilmaa namaa fi waan hedduu kennan. Perzdaanti Obaamaalleen warra tana argate keesssaa tokko.

Badhaasii kun doolara kuma dhibba hedduutii haga doolara miliyoona lamaa sadiillee hinuma gaha.

Malaalaan asiin durattuu badhaasa hedduu argatte:Asiin duratti badhaasa hedduu argatte;badhaasa Lammii Kanadaan ulfinnaan namaa kennitu,
badhaasa ijoollee kahimaa hujii nagaa hojjatani kennan,badhaasa Sakharov, badhaasa Simone de Beauvoir fi ka amma argatte badhaasa Noobelii fa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG