Xurree ittiin seenan

Ibolaa fi Gaaffii Dhaggefatootaa

  • Jaallannee Gammadaa

Kan yeroo ammaa biyyoota Afrikaa gama dhiyaa rakkisaa jiru dhukkuba Ibolaa kan ilaleen hubannaa uummanni qabu daran jabeesuuf barsisuun barbaachisaa akka ta’e hayyonni tajaajiila eegumsa fayyaa ni ibsu.

Maalummaa Ibolaa irratti hubannaa qabaachuun gama dhukkubicha ittisuun qooda olaanaa akka qabu hayyonni ni dubbatu. Nutis gaaffii dhaggefatonni keenya dhukkuba Ibolaa irratti dhiyeessaniif Doktor Toleeraa Waldayas yunivarsitii Finfinnee kutaa wal’ansa fayyaa keessatti oogeessa addaa kan dhukkuboota Daariiqaa ykn infekshiinII dubbisne jirra.

XS
SM
MD
LG