Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daattuu Bisaanii Bebeekamoo Addunyaa 900, Doha,Qataraitti Dorgomuuf Walti Qophaahuutti Jira


Dorgommii bisaan daakuu bara 2009
Dorgommii bisaan daakuu bara 2009

Ka akka billaachaa bisaan irra barrisee daaku,ka akka qurxummii bisaan keessa loo’u loo’u, akka raachaa itti bindiirfatu,fi ka roophii gurdummatulleen hedduu.Akkii bisaaniin daakatan gosa hedduutti jira.Atileetotii addunyaa bebeekamoon wal dorgomuuf qophii jiran.

Dorgommii 12essooo FINA Chaampion Ship jedhanii biyya 171 dorgomuuf galmaahe.USA nama akka Ryan Olche Olympikii irratti madaaliyaa 11 argate fa ergatte. Rekordii metirii 100,200 fi 400 harka isaa jirti.

Dorgommii bisaanii ka daattuun,warri bisaan daakuun beekamu walti qophaahuu 12essoo Federeshiiniin FINA qopheessu Muddee-3-7, 2014 jalqabdi.

Atileeti Tikkii Galaanaa Maratoonii Jappaanif Qophii Jirti

Maratoonii Rotterdaami ta Tikkiin moote,bara 2102
Maratoonii Rotterdaami ta Tikkiin moote,bara 2102

Tikkiin nama ganna 27ti eegii bara 2012 Olompiki London irratti warqii motee asitti guddoo hin mumullattu.

Tikkiin fiigicha hedudu irrattti badhaasa argatte. Maratooni Rooterdaamii fi Amesterdaam fa irratti moohachuun beekamti. Atleetiin Ugaandaa Stephen Kiprotichilleen dorgommii tanaa qophii jira.Innilleen Tikkii waliin Olompiki Londo moohe.Dorgommii tana Gurrandhalaaa 22 bara 2015 jalqabn.

Gama dhibiin ammoo maratoonii addunyaan eeguutit jirtu Jappaanii fi Singapoor guyyaa 6n duubatti jalqabanii atileetotii walti qophaahuutti jiran.Dorgommii tana Federeshiinii Atileetiksii Addunyaa IAAF qopheessa.

Biskileetii

Atileetiin Eertiraa, Mekseb Debsay dorgommii biskileetii oofuutiin Afrikaa keessaa tokkeessoo tahee badhaafame.

Waldaa Atileetoa Addunyaa,UCItti atileetota Afrikaa keessaa biskileeti oofan tokkeesos tahee badhaafame.Atileetii kun dorgommii bara kana dorgme qabxii 241 argatee Afrikaa keessaa tokkeesso tahe.

Gurbaan Eertirtaa kun nama ganna 23 amma kilabii Jermen gargaarsa Biskileeti Geremeni keessa jira.

Biyya Afrikaa ta barana jabeenna kubbaa miilaatiin guddoo guddatee FIFAn Sadarkaa kenneef,Giinii

Sadarakaa FIFA Sadaasaa baaseen Giiniitti akka malee oli bahe sadarkaa guddaa irra gahe.Giiniin duraan Afrikaa keessaa 11essoo irra turte amma oli ceetee Afrikaa keessaa jaheessoo taate.

Tokko haga kudhani ka jiru sadarkaa Afrikaati,kana ammoo ka addunyaati.

1.Aljeeriyaan addunyaa ammo(18)

2.Tuniziyaa (22)

3.Ayvoori Kosti,(24)

4.Senegaal (35)

5.Gaanaa(37)

6.Giinii (38)

7.Keep erdee(39)

8.Kaameroon(41)

9.Naayjeeriyaa(42)

10.Maalii(49)

Taphattota kubbaa miilaa ka miilii miidhame

Manchster Untied keessaa Angel De Mariya, foon gudeedaatti cite,’Stoke City’ keessaa ammoo Vikotr Moses foon ribuutti rifate, Juventus keessaa ammo Kwadwo Asamo’ah foon mogoleetti micciirame wallaansatti jiran.

Di Mariyaan tapha kialbiin isaa bori,Muddee2,2014 Sitii waliin taphattuuf waan taphata hin fakkaatu.Jarii kaanillee tapha Waancaa Afrikaa bara 2015 keessa waan jiran hin fakkaatu.Di María kialbii Manchester Yunaaytid Hull Ciy waliin taphattu daqiiqaa 13esso irratti ribuun gudeedaa dudda duubaan oli rifattee tapha keessaa bahe.Di Mariyaan dhalootaan Argentiinaa.

Viktor Moses Istokei Sitii taphatu torbaan saddeetiif tapha dhaabuuf deema. Sitiin Viktor ergifattee taphachiifatti.

Gama kaaniin Dorgommii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa Ammajii 17,2015 jalqabaniif biyya 16 walti qophaahuuttti jira. Taphattotii biyya alaatii dhufanii abdan hagaii tokko ya dhufiitii hanqate. Namii Gaanaan abdattu Kwadwo Asamoah kilabii Juventus keessa jiru tapha irratti jilbii miliqee dhufu dadhabe.

Asamoha nama ganna 25ti marroo afur dorgommii waancaa Afrikaa kana taphatee barana hin taaneef.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG