Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ronaaldoo fi Meesiin Tapha Tokkotti Goolii Sadii-Sadii Galchaa ‘Hat-Trickn’ Wal Dorgomuutti Jiran


Meesii fi Ronaaldoo
Meesii fi Ronaaldoo

Ispaanish,warra jaalatii kubbaa miilaa macheessite.Jari kun tapha kubbaa miilaa akka waan ilmee dhiibatanii dhalanii, daaddisanii guddisanii jaalata.

Kilabiin La Liigaan warra kilabii ufiitti guddifachu feetu doolara miliyoona hedduutiin bitachuuf kadhaaf faana marti.

Nyenyeencii kilabii La Liigaa miilii isaani yoo kubbaa argu si’aa’u sadeen;Messi, Zarra fi.Nami haga jara kanaa La Liigaa keessatti goolii galche hin jiru.

Haga Meesii fi Ronaaldoon La Liigaatti dabalamanii haga hardhaallee Ronaaldoo moo Meessitti caalaa jechumatti jiran. Namii amma La Liigaa keessaa maqaan bahee gannatti doolara miliyoona hedduutin qaxaratan;Meesii fi Ronaaldoo.

Kiristiyaan Ronaaldoo,nama ganna 29,abbaa ilmaatii, dhalootaan Poortugaal.Lakkoofsa torba keeyyatee Riil Madriidii taphata. Gannatti Euro miliyoona 17 bitatan.Tapaha Muddee 6 kilabiin isaa,Riil Maadriid kilabii Selta Vigo waliin taphatetti gooli sadi galfatee,‘Hat-Trick’ hojjate.Gooliin sadeen La Liga galche,’Hat-Trick’ 23essoo taateef.

Ronaadloon tapha 23n ganna kana taphateen goolii 31 galfatee jechuu. Ronaadloon barana tapha irratti goolii tokkollee dhabee harka dhadhawachaa gale kaan amma miilii isaa yoo itti qajeelchee dhiitu waan dhaba galuu hin fakkaatu.

Riil Madriid Ronaadloo bara 2009 Euro miliyoona 80 bitatte.Eegii gaafas bitattee asitti waan gaabbitee hin fakkaatu.

Meessii

Leo Messi,dhalootaan Arjentiinaa ganna 27. Abbaa ilmaati. Lakkoofsa 10 keeyyatee dura taphata. Mardoonaa diqqaa fa jedhaniin.Haga ammaatti goolii 402 galfate.Mindaan isaa ka ganna kanaa Euro miliyoona 20ti.

Meesiin bitaachaan taphataa kubbaan innii bitaachaa itti dagalchee xiixaa dabarti.

Goolii Meesii keessaa haga tokko;

  • Tapha 289 Barseloonaa taphatetti goolii 253 galche
  • Waancaa Ispaanishii goolii 29 galche
  • Dorgommi kilabootaa, Shaampiyoon Liigii irratti ammo goolii 74 galche
  • Tapha hariyummaa irratti ammo goolii 29 fi ta dhibiille eitti daratee galchuma galachee 402 gahahte

Goolii Ronaaldoo La Liigaa galche keessaa haga tokko

  • Tapha Laaliigaa 178 keessatti goolii 200
  • Marroo 23 tapha tokko irratti (Hat-Trick) goolii sadii galfate
  • Marroo 51 adabbii(Penalty)galfate
  • Tapha Liigii Shaampiyoonaa,
  • dorgommii kilabootaatti goolii 56 galchee akknauma oofachaa marroo goolii hedduu galfate.
  • Meesisin ganna tokkotit gooli 73 galche.Ronaaldoon bara kana marroo 21 taphate,ammallee yoo kilabiin isaa durumatti deemte tapha 40 caalaatti isa eegata.

Goolii Ronaaldoo tana adoo silaa tapha cufatti gargar qoodaniifi tapha tokkotti goolii 1.38 taati.Yoo akkuma ama jiru kanatti deeme bara 2014-2015 keessatti kialbi isaati gooli 84 galfataa jechuu.

Meessiin bara 2012-2013 keessatti ammo tapha 37 keessatti gooii 50 galfate. Bara 2012-2013 ammoo tapha 31 keessatti goolii 46 galfate


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG