Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamtoota Shororkeessotaa fi Dararaa Raawwatame


Presidentiin Poland duraanii Kwasniewksi, Poland dhaabbati tika nageenya US mana hidhaa dhoksaa qabiyyee biyya keessaa qabaachuu danda’a garuu angawoonni biyya isaani shakkamtoota keellaa sana irraa akka dararaniif eeyama hin kennan jedhan.

Mr. Kwasni-ewskin gaaffii fi deebii radio Warsow TOK FM jedhamu waliin har’a geggeessaniin yeroo sana kan presidentii US turan Geiorg W Bushin tattaaffii CIAn manneen hidhaa keessatti geggeessu mara akka dhaabu gaafachuu isaanii dubbatan. Hojiin sunis yeroo tokko dhaabatee akka ture illee ibsaniiru.

Waggoota dheeraaf haalaa erga turanii booda presidentichi Poland duraanii yeroo jalqabaaf manni hidhaa sun jiraachuu amanan. CIAn keellaa sana bara 2002 fi 2003 keessa geggeessaa tuare. Kana kan dubbatan erga senetiin US CIAn haleellaa shororkeessotaa kan Fulbaana 11 booda shakkamtoota qorachuuf mala dararaa hamaatti gargaarama jechuun gabaasee guyyaa tokko booda

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG