Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaliyaa fi Sudaan waggaa kana maal keessa turan


Somaaliyaan waggootii dheeraaf wal waraansaa fi hokkaraan raafamaa kan turte ta’uus/ waggaa kana keessa rakkoo guddaan biyyatti qunname/ mootummaa dhuma keessaa ka’e.

Wal dhabdeen siyaasaa uumamee kun immoo jijjirama biyyatti keessatti argame danqaa jira jdhan Gabaasaa Gabe Joselow Erge.

Danqaan siyaasaa somaaliyaa keessaa baatii kana keessa sagalee kennameen xumura argate. Akka sagalee kennameetti sagalee sagalee mormii 153 fi deggersa 80n muummichi ministeeraa Abdiweli Sheikh Ahmed aangoo irraa kaafaman. Kunis kan ta’e president Hassan Sheikh Mohamud jijjiirraa kaabinee gochuu isaanii irraan kan ka’e wal dhibdee uumameen ture.Waggaa tokko keessatti muummichi ministeeraa ennaa filatamu Mr. Ahmed nama lammataa ti.

Xiinxalaa siyaasa Somalia kan ta’an Abdiwahab Sheikh Abdisamad akka jedhanitti falmiin siyaasaa hoogganoota gosoota adda addaa irraa ta’an gidduutti ka’e kan dhuunfaa ti.

Baatii Sadaasaa keessa Konfrensiin dhimma Somalia irratti mar’iate utuu hin ga’in dura jilli tokkummaa mootummootaa Nicholas Kay akka jedhanitti sabatiinsi siyaasaa dhabamuun hegeree Somaliaa balaa irra buusuu mala.

Lammiiwwan Sudan kibbaa soda keessa jiru. Uummatichi irra jireessi walitti bu’iinsi waggaa tokkoof ture ni dhaabata abdii jedhu hin qaban. Hoogganoota siyaasaa kanneen biyyattiin waraanaan bututte bilisummaa ishee kan egeree wayyaawaan biyyattiif fide jedhanii abdatan gonfattee waggaa sadii booda gara wal waraansaatti isaan deebisani-tti hedduu aaranii jiran.

Kanneen abdii xiqqoo qaban keessaa tokko mnisteera dhimma boba’aa duraanii Laul Deng. Garee dhuunfaa kan dhimmootii imaammata hawaasummaa qoratuuf directora ennaa ta’an dhiyeenyas gareelee siyaasaa sadii, paartii biyya bulchu SPLM Tanzania keessatti walitti fide. Mr. Deng marii araaraa Itiyoopiyaa keessatti geggeessamaa jirutti dabaluu dhaan kun fooya’ina gaarii jedhan. Haa ta’u malee of qusannaa dhaan dubbatan.

Walii galteen nageenyaa yeroo afur tolfamee fi uggurri US fi gamtaa Awrooppaan kaa’ame lola sana dhaabsisuu hin dandeenye. Walitti bu’iinsi sun uummata kuma kurnaan laka’amu galaafatee kanneen miliyoona 1.5 ol ta’an immoo qe’ee ofii irraa godaansise. Sabaa himaaleen qiyyaafati kennanis gad deemaa adeeme, jaarmoliin gargaarsaas walitti bu’iinsi Sudan kibbaa keessaa wal waraansa dagatame ka biroo ta’uuf deema jechuun akeekkachiisan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:53 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG