Xurree ittiin seenan

Breaking News

USA fi Kuubaan Waan Ganna 50 Irratti Wal Dhaban Dhiisanii Hariyaa Walii tahuuf Nama Wal Irraa Hidhanillee Walii Hiikan


USA fi Kuubaan waliin hojjachuuf walii galan
USA fi Kuubaan waliin hojjachuuf walii galan
  • USA fi Kuubaan biyya waliitti embaasii banachuu
  • Itti gaafatamtoota USA gugurdoo Kuubaa imaltuu erguu
  • Waan Kuubaan adaban irraa dhaabuu
  • Baankileen biyya lamaanuu waliin hojjachuu fi kkf irratti walii galan

Kuubaa fi USA ganna 50 keessatti takkumaa akka biyya ollaatti womaa waliin hin qabaanne.

Kuubaan ammallee jabana Sooshalisiti ta addunyaan ganna hedduun duratti bira yaateen bulti.USA,Kuubaann ummata isii addunyaan wal argu dhoortee,mirga inni qabu dhowwattee itti dukkaneessitee bira teette jettee waan hedduun adabde

Waan Kuubaan adaban keessaa akka biyyaatti wa irraa bituu,itti gurgurachuu, nama isii ufitti dhufuu dhoortee,akka namii Amrikaallee daldalaa fi waan tokkollee Kuubaa wlaiin hin hojjanne dhoorte.

Kuubaan bara hedduu addunyaan wal hanqattee moggaatti baatee,biyya tana ganna shantamaa caalaa maatii tokkotti bulcha;maatii Kaastroo.

Jabanii USA fi Kuubaan wal dhaban,COLD WAR,bara biyyiti jechaa afaaniitiin wal aatee wal doorsitu,ganna 50n dura.

Eegii sunii asittu embaaasii biyya walii qabaachuu dhiisii, akka biyya ollaa womaayyu waliin hin qaban.

Wal dhabii bara dheeraa sun amma hafaa deemuutti jira. Akkuma kanaan Amerikaan nama Kuubaa irraa hiite jajajbaa sadii gadi dhiiftee Kuubaalleen nama perzdaanti Obaamaan ‘nama jajajbaa Amrikaa keessaa tokko’ jedhee faarse,ALAN GROSS gadi dhiifteef.Alaniin kun dhaaba USAID hojjata,seeraa malee teknooloojii elektiroonikis Kuubaan hin jaalanne guuree Kuubaan dhufe jedhani ganna 15 itti muran.

Nama Kuubaa sadeen gadi dhiisanillee ganna kurnya USA hidhameAkka jecha perzidanati Obaamaatti biyya km 145 qofa daarii Amerikaa irraa fagaattu moggaatti baasanii itti oli seenuu didanii addunyaan wal hanqisuun waan hin taane ammitii saatii karaa haaraan walti dhufan tahuu malte jedhee dubbate.

"Woma tokko qofa ganna kurnya shanii caala irra dedeebihanii bu’aa haaraa barbaaduutti hin amanu.”

Kuubaan fi USA waan irratti wal dhaban ganna sadeen dabran keessa dhossaan mari’achaa bahan.Wal dhaba kana haga guddaan Kanaadaa fi itti gaafatamaa amanti kaatoliki Roomaa, Pope Firaansisitti fal barbaadaaf bahe. Perzidaantiin USA Baraak Obaamaatii fi perzdaantiin Kuubaa Rahul Kaastiro kalee daqiiqaa 45 caalaa waan nama hidhamee wali hiikuu tana irratti bilbilaan wal dubbatan.

Asiin duubatti akka jecha perzidaanti Obaamaatti Kuubaa fi USA biyya waliitti Embaasii banachuu,bittaa fi gurgurtaaf biyya waliitti yaahuu fi waan hedduu waliin hojjatan.Taatullee “wayi wal irraa bitachuu fi gurgurachuu irratti Kongireesiin wal dubbanna”.

Afi’i yaahiin Mana Marii Amerikaa,ka paartii Ripaabilikaan, Joon Boohener ammoo Amerikaan bulchiisa maatii Kastiro waliin hariyaa tahuurf rakkoo jirtu irra deebihanii dhiisii,sun yaaduuyyuu hin malle jedha.

Guyyaan eegee perzdaantii USA fi ka Kuubaa bilbilaan wal dubbatan bara 1961.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG