Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bara 2014 Nama Miliyoona Hedduutti Siyaasaa, Waraanaa fi Jireenna Jabaate Dheechuuf Addunyaa Keessa Baqate


IOM,International Organization for Migration
IOM,International Organization for Migration

IOM,Dhaabi nama rakkoon ykn jireenna wayyaahaa barbaada biyya bahe ka adudnyaa gargaaru.Muddeen 18 guyyaa rakko jara kana biyya baafte qaabachuu fi irratti mari'atanii addunyaatti himaniif.Guyyaa kana baruma baraan ulfeessan.

Akka gabaasa IOM (International Organization for Migration)barana baasetti barii 2014 bara rakkoon baqataatti jabaatte.

IOM akka addunyaan warra seera malee biyyaa nama baasee ufi ammo horii jalaa argachuuf dharaan biyyaa nama baasu

Bara 2000 jalqabee nama 40,000 ka biyya ufiiti biyya ormaatti yaahuuf jedhee tti karaatti dhumate.Namii 5000 tahu adoo garba,bonaa fi gammoojjii keessa qaxxaamuree baqa yaahuu dhumate.

Namii harka 66 caalu garba Mediteraniyaan keessatti dhume.Namii 3000 akka IOMtti bidiruu warrii seera malee fa’ee Awurooppaatti isan geessa jedhee bisaan irraan yaahutti garaan galee fixe.

Siiriyaa,Paalestaayinii fi gaafa Afrikaati keessumattuu nama Eeritiraa waraana hamaa, dabaa fi hiyyuma biyya isaa baqatutti bisaan keessatti dhumat.

Akka itti gaafatamaan damee qorannoo IOM, Frank Laczkoo VOAtti himetti warra seera malee bidiruutti fahee nama geessu hori guddaa argate.

"Yaadii hagii tokko warrii seeraan malee biyyaa nama baasu kun garanaa garsillee doolara miliyoona hedduu argatee quufaa gamanaan rakkoon hin jirtu jedha.”
Nama akkana biyyee bahe bisaan keessatti rakkatu durii Xaliyaanaatti gargaara. Sagatanaan Xaliyaanii nama kuma hedduu afaan balaatii baasuun Mare Nostrum.

Sagatnaan kun amma ya hujii dhaaee Waldaan Awurooppaan namii garba yaabbatee du’aa fi jireenna jidduuu yaahee biyya Oromaatti yaahuun gargaaru Triton jedhan.Haga sagatnaan Xaliyaanaa gahuu baatullee jara kana hinuma gargaara.

Waan hedudutti biyyaa nama baasa;jireenna wayyaa’aa barbaada,siyaasaa, Eboolaa, Jijjiirama qilleensaatii fi waan hedduu. Biyyiti akkana nami keessaa baqatu;Siiriyaa,,Iraaqi,Liibiyaa,DRC,Suudan Kibbaati.

Rakkoo tanaan nama miliyoona 232 baqaaf addunyaa keessa facahe. Akka Lackzotti tun nama addunya akeessaa harka sadii.

"Ganna 20-30n dabaranitti harkii sadeen baqate kun hin jijjiiramne. Addunyaa keessaa waggaa diqqaa keessatti nama miliyoon ahedduutti baqate.Ka baqate kun Awurooppaa, Amerikaa Kaabaatii fi Awustiraaliyaa hujii fi jireenna dansaa barbaada itti yaa’a.

Namii biyya ufiiti yaahee biyya ormaatti jireenna wayyaahaa barbaada yaahu yoo silaan seeraan tohatan biyya keessaa bahee fi itti deemullee faaydaa qaba.

Namii biyya abahe bara 2014 keessa akkuma addunyaattuu doolara biliyoona 435 biyya keessaa yaa'etti ergee maatii fi biyyallee garaare.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG