Xurree ittiin seenan

Breaking News

Toltuu Tufaa, Porojeektii Afaanii fi Eennummaa Oromoo Addunyaatti Guddisuuf Jalqabde, ‘Afan Publications’ Eebbisiisuutti Jirti


Toltuun Afaan Oromoo addunyaa keessatti beessisuuf hujiitti jirti
Toltuun Afaan Oromoo addunyaa keessatti beessisuuf hujiitti jirti

Gaafa tokkoo manii barumsaa tokko ijoollee cufaan afaan keessaniin suuraa kaasaa,wa barreessaa kootta jedhe,jennaan daahimii tokko dadhabe maaliif akka dadhabe gale maatii isaa gaafate.

Porojeektiin Toltuun Afaan Oromootiin barsiiftu, Afan Publication
Porojeektiin Toltuun Afaan Oromootiin barsiiftu, Afan Publication

Toltuun sun irratti garaa hammaatee achi irraa kaatee afaan Oromoo akkamitti sadarlkaa addunyaatti akka guddisuu dandeettu yaaddee hujiiti seente jedha warrii isii beeku.

Hujii Afaan Oromootiin guddisut tanaan ‘Afan Publications’ jettee moggaafte,Toltuun.

Afan Publications ykn ammoo Afaan Publications,porojeekti Afaan Oromoo, eennummaa Oromoo,qulqullinna barnoota Afaan Oromoo fi dandeettii Afaan Oromoo addunyaatti baasanii qarooma jabana kanaatiin wal barsiisuu.

Fedhiin Toltuu akka mana Oromoo,mana maatii Oromoo cufa keessaa kitaabii Oromoo jiraatu.Hujii tana ammoo kitaabaa fi meeshaa barnootaa Afaan Oromootiin barreeffaman 17 barreessitee Muddee 31,2014, Norweey,Oslootti eebbisiisuun jalqabde.

Kitaabaa fi meeshaa barnoota gosa 17 eebbisiifte
Kitaabaa fi meeshaa barnoota gosa 17 eebbisiifte

​Kitaaba barnoota afurii fi kitaaba suuraa kaasuu,tapha gara garaa tapchiisuun ijoollee afaan barsiisu kana USA fi Kanaadaalleetti eebbisiisuutti jirti.

Akka Toltuun jettettu fedhiin isii guddoon akka namii Oromoo cuftii ijoollee isaanii eennummaa isaanii biyyujma fedhanillee jiraatan barsiisaa guddifatan arguu.Toltuun Miilboorin,Awustiraaliyaatti dhalatte barumsa ‘Psychologytiin’ PhD barachuutti jirti.Hujuma tanaaf ammaaf barumsa dhaabee jetti yoo hedduu ijoollee didiqoo wa barsiifu fedhaa jetti,Toltuun.Yoo porojeektintun dhuamtte waan hin dhumanne," eennummaa Oromoo jabeessuuf hojjadha."Hujii Toltu hedduu www.afaan.com.au irra jirti.

Mee waan huji isii tana caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:53 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG