Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gannii Haara'ii 2015, ka Roobaa fi Nagayaa, Hormaataa Bultumaa ka Quufaa fi Gabbinnaa Isanii Haatahuu Jenne!


Kaan manneen nyaataa dhugaatitti yaa’ee waan abbuuqa abbuuqa,kaan diidatti yaa’ee gammachuun xinniqaa qaanqee oli facaasee burraaqa,kaan manneen amanti ufiitti yaa’ee waan dabree galateeffatee ka itti deemu abdataa waaqa ufii yaammata.

Namuu akkuma amalaa fi aadaa biyya isaatti ganna haaraa ulfeffata. Biyyotii akka henna Girigooriyaanitti bara hedatan bara 2015 ulfeeffachuutti jiran.

Amerikaa, New Yorkitti nama kuma dhibba hedduutti Time Square, lafa wadhakkaa New York jirtutti walti dhufee bara 2015 simatee abdii ganna haaraatiin lafa dhiita. keessatti lafa dhiitaa bule.

London,Ammajii 1,2015
London,Ammajii 1,2015

​London,Beejingi,Biraazil, Biriteen, Awustirlaaliyaa haga USA fi biyya hedduutti namii bara 2014tti nagaa dhaamtee 2015 simate.Qophii gammachuu NEW YORK bulchaa isi Bill De Blajoo fi maati jalqabsiise.

Warri Londoniilleen nama Thamestti yaahee qaanqee ganna haaraan simachuuf oli facaasan daawwachaa ulfeeffate.

Biraazilitti ammoo nama miliyoona fi kuma dhibba hedduutti magaalaa Rio De Janeriyootti yaahee lafa ciisaan bisaan qabdu haroo Copacabana walti dhufee burraaqaa ganan haaraa simate.

Jala-bulti ganna haaraa,Sidnii 2015
Jala-bulti ganna haaraa,Sidnii 2015

​Warri Austiralaiyaa magaalaa Auckland keessatti simate.Azhiyaa keessaa warri Hong Kong qaanqee diimutu adii,daalaltii,babaritti fi ta akka akkaa oli facaasee bara 2015 simate.

Warri Indoneezhiyaa ammo gammachuu guddoollee hin qabu xuyyuuri biyya isaanii nama 162 baatee sanbata dabre garba Jaava keessa bu’ee nama fixe kaani boohichatti jira qophii bashannanaallee ya dhiisan.

Namuu akkuma aadaa fi amala ufiitti ganna haaraa simatee mala bultiillee itti baafate eitti jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:17:46 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG