Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Afaan Rabbiin Nuu Kenne Haga Dandeennutti Guddifachuu…Waan Rabbii Tiksee Asiin Nuuf Gahe Tikfachuu Qabna”


Toltu fi abbaa isii,Sheek Abdulwahaad
Toltu fi abbaa isii,Sheek Abdulwahaad

Toltuu Tufaa,intalti Sheek Abdulwahad Tufaa,eegii afaan Oromoo teknooloojii baranaatin guddisuuf maatii isii walin hujii jalqabdee ya turte.

Ta harkaa qaban tana ‘Afaan Publications’ Fixnaan Afaan Oromoo Teknooloojii Baranaatti Guddisuuf Karoora Jabaa Qaban.Toltuun obboleeyyan afur qabdi.Toltuun angafa, Hawwaatti itti aana,sadeessoon Yuzulfiyaa,Haashaan ammoo afreessoo maandhaan,quxusuun Tolaa.Haatii Toltuu aaddee Nuuriyyee Tufaati.

Hujii afaan Oromoo teknooloojii addunyaatti guddisuu tana akka jecha abbaa Toltuutti maatiin cufti qooda keessaa qaba.

Hujii kitaaba qopheessuu
Hujii kitaaba qopheessuu

​Hujii Afaan Publications,kitaaba ijoollee didiqqoo afaaniin barsiisan Toltuu fi abbaa isii,Sheek Abdulwahaditti USA fi Kanaadaa keessa yaa’ee eebbisiisuutti jira.

Toltuun nama gannii mana digdamii wayii keessa jiru, barumsa PhD itti jirtu ammaa dhaabee hujii jalqabetti jriaa jetti.

Fedhiin te guddoon maan jennaan fedhiin tiyyaa afaan guddisuu miti akka namii eennummaa ufi beekee guddatu arguu.

Afaan Publications
Afaan Publications

“Afaan rabbiin nuu kenne kana haga dandeetti teennaatti guddifachuun huiji teenna.”

Fkn Toltuun fudhatte keessaa, akka yuniversitiitti barannetti afaan addunyaan qabdu 6000 keessaa ganna 100 dhufuutti afaan 3500 tahaa baduuf deema.Akka afaan keenna afaan teknooloojii tahan waan dandeennuun hojjachuu qamna.

Toltuun akka afaan Oromoo jaalattee barattu abbaa ufii galateeffatti.Sheek Abdulawahad Toltuu maaliin qarqaarte jennaan, gaafa isii barsiisu afaan qofaa mitii qubeellee jalumaan barsiisa,biyya geessee firaan wal agarsiisa,biyya gara garaa geessa.

Abbaan Toltuu akka ijoolleen diqqeennaanuu afaan baratanii eennummaa ufii jaalachaa dhufan firaa fi fiixaan wal barsiisuun faaydaa guddoo qabdi jedha.

Gaafa biyyatti galan afaanii ufii wallaalanii firaan wal dubbachu dadhabuun rakkoo guddo jedhu.

Karoorii maatii Sheek Abdulwahad faatii asiin duubatti maan jennaan , akka afaan Oromoo TV irratti sagantaa ijoolleen afaaniin barattu tahu sagantaa Kaartuunii TV irratti qopheessuuf qaroora qaban.

Namii wa sadii hin qamne hirdhuu jedha Abbaan Toltuu; ka wa baratee amala hin qamne nanummaa hin qabuu hirdhuu,arjaan qabeenna hin qamne,hirdhuu,namii wa hojjatee ummatii,gootii duuba hin jirre, hirdhuu.

Tana maleellee Sheek Abdulwahad barnootii waan hattuun nama irraa hin hanne fi ka baatanillee namatti hin ulfaanne jabeeffachuu malle jedhu.

Afaan keenna Rabbitti nuu kennee waan rabbi nuu kenne jabeeffachuu qamna,jetti Toltuu Tufaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:17:37 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG