Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liiban Duubaa, 'English Premier League' Keessaa Kilabii Dargaggoota QPR Taphachuuf Tokkeessoo Tahee Keenyaa Filame


Liiban Keenyaa bakka bu'ee kilabii dargaggoota QPR, London jirtutti leenjifamuuf yaamame
Liiban Keenyaa bakka bu'ee kilabii dargaggoota QPR, London jirtutti leenjifamuuf yaamame

Eegii tapha jalqabee goolii 200 caalaa galchee jedha,tapha irrati marroo afur waraqataa ragaa ka 'best player of the year' jedhanii fi marroo lama 'Man of the Match' jedhanii dandeetti kubbaa miilaa innii qabuu faarsanii badaasan .Amma kilabii English Premiere League ta dargaggootaa QPR,Queens Park Ranger taphachuuf leenjiif Londonitti galuuf deema.

Maatiin Liibaan Duubaa,Liiban abbaa gula baheef tapha jaalata jedha, leenjisaan isaa Firedirik Liiban taphaan jabaa saatii nama jalaa milqee goolii galchu beeku jedhee faarsa.

Liiban ganna 15
Liiban ganna 15

Liiban Baggajjaa Duuubaa, saatii boqonnaa isaa waan gugurdoosadii jaalata;wa dubbisuu,biyya biyya deemee daawwachuu fi bisaan daakuu fedha.

Maatiin Liibaan Duubaa,Liiban abbaa gula bahee jedha, leenjisaan isaa nama taphaan jabaa ka saatii nama jalaa milqee goolii galchu beeku jedhee faarsa.

Liiban Baggajjaa Duuubaa saatii boqonnaa isaa waan gugurdoosadii jaalata;wa dubbisuu,biyya biyya deemee daawwachuu fi bisaan daakuu fedha.

Liiban Baggajjaa Duubaa,gurbaa 15 Naayroobiitti dhalatee guddatee amma kutaa 10 barata.Diqqeennaanuu gaafa gannii sagalii lubbaa tapachuu jalqabe.“Abbaa kiyyaa laalaa taphachaa guddadhe.”

Kilabiin Keenyaa ta kubbaa miilaa Harambeen Afrikaa matuma keessa jirattullee akka atileetiksiik kaan jabaatte eoli hin baane.Ijoolleen Keneyaa hedduulleen taphaaf kilaboota addunyaa keessa hin seenne.Haga ammaa gurbaa ganna 23 tokkotti kilabii Soutamton taphachuutti jira.Vickotor Miwaanyaati.

Bulchootii Manchester Yunaaytid yoo hedduu Afrikaa irra maranii ijoollee kubbaa miilaatiin jajjaboo tahan filatanii biyya ufii geeffatani taphatti guddifatanii, barnootaa fi waan hedduu qixeessaniif.

Liiban Baggajjaa Duubaa bara 2012 kilabiin Ispeen tokko bitattee kilabii ijoollee keessatti guddifachuuf yaamte.

Liiban bara 2012 keessallee kialbiin Ispeen tokko tapahciifachuuf yaamte
Liiban bara 2012 keessallee kialbiin Ispeen tokko tapahciifachuuf yaamte

​Manchester Yunaaytid dorgommii ganna dabre Keenyaan qopheessite Shaampiyoonaa COPA COCA COLA jedhan irraa fialtte.Liban tapha sun irratti goolii lama galche.Liiban bara 2008 jalqabee marroo afur ‘Player of the Year, 'Man of the Match,’ taphataa beekamaa jedhamee waraqata ragaa argate.

Liiban gaafa diqqaatii jalqabee haga bara kanaatti goolii 200 galchee jedha.kka leenjsiaan Liiban,Fireedirik Oyungi jedhutti Liiban humna fiiguun qabaa,dafee nama jalaa miliqee kubbaa fuudhee galcha.

Liiban jabeenna kubbaa miilaa kana Akkaadaamii Mana Barnoota Meeruu gama Kibbaa irratti ufi irratti arge.

Liiban dhiyootuu akka innii taphaan guddachuu dandahu laaluuf,isaa fi ijoollee addunyaa keessaa filaman 100 waliin London dhaqee kilabii ijoollee kahimaa, Queens Park Ranger taphata.

Liiban nama Keenyaa fulaa bu'ee Kilabii alaa deeme lammeessoo.
Liiban nama Keenyaa fulaa bu'ee Kilabii alaa deeme lammeessoo.

Mee waan Liibanii fi maatiin isaa jedhan kutaa duraa caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:24 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG