Xurree ittiin seenan

Breaking News

OBS – Tajaajila Televiiziyoonaa Haaraa Oromiyaa keessatti Jalqabame


Dhaabbata Raadiyoo fi Televiiziyoona Oromiyaa keessaa gaazzexeessota hariyatamanii fi Abboota qabeenyaa akka Obbo Dinquu Daayyaasaa faa kan hirmaachise dhhaabbatni Tamsaasa Televiiziyoonaa OBS yokaan Oromia Broadcasting Service jedhamu hundeessamee hojii isaa jalqabee jira. Torbanneen ja’a dura tamsaasa yaalii ka jalqabe OBS, yeroo dhihoo keessatti akka tamsaasa idlee jalqabuuf jiru dubbata.

Saatelaayitiin Arabsat irraa yeroo qilleensaa sa’atii digdamii afur bituudhaann ka jalqabe tamsaasni televiiziyonaa kun guutmmaatti ka bashannanaa fi barnootatti fuuleffate yoo tahu, aadaa fi artii oromoo babal’isuu, qabeenyaa Oromiyaa addunyaatti beeksisuu, Afaan Oromoo daran gara afaan saayinsii fi teknooloojiin ittiin hojjetamuutti guddisuu fi kaayyoolee guddinaa ka birootti fuuleffatee akka hojjetu dubbata.

Saa’atiilee 24 Arabsaat irraa bitate kana garii, gaazzexeessota 18 yeroo ammaa hojiitti bobba’anii jiraniin qophiilee qulqullinaa fi qaaccina qaban qindeessee guutuuf akka hojjetu kan ibse hoji-geggeessaan OBS – Obbo Ayyaanaa Cimdeessaa, sa’atiilee hafan immoo seeraa fi danbii itti baasuudhaan, dhaabbatoota ka biroo afaan Oromootiin qophii qulqullaa’aa fi ulaagaa guutu hojjetanitti gurgurra, jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:32 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG