Xurree ittiin seenan

Ol aantummaan Heeraa Kabajamee sagleen uummataa dhaga'amuu qaba jedhan Dr. Nagaasoo Gidaadaa

  • VOA

Dr. Nagaasoo Gidaadaa

Dr. Nagaasoo Gidaadaa

Dr Nagaasoo Gidaadaa bara 1995 qabee hanga bara 2001ttii turan. Achiis miseensa paarlaamaa booda irra immoo dura taa’aa paartii tokkummaa dimokraasii fi haqaa ta’uun hojjetaa turan.

Dr. Nagaasoon keessumaa dhimma isaan irratti fuuleffatan waa’ee heeraa irratti ennaa ta’u heerri kun bara 1994 yeroo wixineeffamu keessatti hirmaataniiru. Gumii heeraafis dura taa’aa ta’uun kan hojjetan ennaa ta’u bara 1995 keessa heera sana kan mallatteessan illee isaan turan.

Itiyoopiyaan daran biyya demokraatawaa akka taatuuf heera nu geggeessu akka qabaannuun barbaada.

Herri fedhii gosoota biyyattii maraa guutu qabaachuun barbaachisaa ta’uu isaa kan tuqan president Nagaasoon erga mootummaan Dargii fonqolchamee booda aangoo kan qabate IHADEG gumii nageenya Finfinnee keessatti waamuu dhaan heerri ce’umsaa haaraan akka wixineeffamu murteessuu isaa illee dubbataniiru.

Akka wixnee heeraa sanaatti Hagaya bara 1991 mootummaan ce’umsaa hundeeffame. Mootummaan ce’umsaa sunis hanga bara 1995tti aangoo irra ture. Waggoota sana keessattis mootummaan ce’umsaa sun rakkoo biyyattiif furmaata ta’a jechuu dhaan caasaa federaalaa kan yeroo ammaaf bu’uura kan ta’e biyyattii kutaalee 14tti addaan hire.

Bifa kanaa irra deebi’ee erga ijaaree booda lammiiwwan hagi tokko ammaas kun waan isaan hin quubsineef kanneen akka ABO mootummaa ce’umsaa keessaa of baasan. Kanneen biroonis akkasuma.

Ka biroon irraanfatamuun kan irra jiraaanne jedhan Dr. Nagaasoon Referendumiin Ertraa geggeessamuu isaa ti. Ummati Ertraas walabummaa isaaf sagalee kennt. Ka biroon kan ani ofii kootii keessatti hirmaadheef hanga yoonaa ittiin hojjetamaa kan jiru heera biyyattii ti.

Waggoota 17f biyya German erga turani booda deebi’uu dhaan mootummaa ce’umsaa sanatti hirmaachuu isaanii kan dubbatan Dr. Nagaasoon heera sana koree wixineessuu keessatti hirmaachuu isaanii illee ibsuu dhaan heericha ilaalchisse akkas jedhan.

Heerri sun ni raggaasisame. Keessumaa migi sabaa fi sab lammiin Itiyoopiyaa kam iyyuu hiree ofii isaa ofiin murteeffachuu hanga fottoquutti inni jedhu gama kamiinuu eegamaa dha kan jedhu keeyati 39 ni raggaasisame. Yeroo sanatti bakka buutonni konyaalee 547nuu wal ga’ii sana irra turan. Gammachuu dhaan teessuma isaanii irraa ka’anii galma sana keessa utaaluun gammachuu isaanii dhageessian. Guyyaan sun anaaf guyyaa guddaa waan tureef Ittiinan boona jedhan

Hiree ofii ofiin murteeffachuu isa jedhu irratti Dr. Nagaasoon yaada kennan ka biroo dhaan Uummati biyyattii keessa jiran waa’ee kanaa gaafatamanii tokkummaa barbaadu yoo ta’e tokkummaan jiraachuu addaan ba’uu yoo fedhes sagaleen uummatichaa dhaga’amuu qaba jedhan.

Waanti ta’u martinuu fedhii uummatichaa irratti hundaa’a jedhaniiru.

Miseensonni paarlaamaa yaada erga irratti kennanii booda mootummaan dhaabbatan akka hundeeffamu muummichi ministeerichaa gaafatamanii Hagaya 15 bara 1987 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti heerri biyyattii qajeelfama ittiin bulmaata biyyattii ol aanaa ta’uun raggaasisame jedhan Dr. Nagaasoon.

Haa ta’u malee hanga yoonaa rakkooleen furmaata hin arganne hedduun jiru kan jedhan Dr. Nagaasoon rakkoolee hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee jiraachuu isaanii dubbataniiru. Itiyoopiyaan biyya gaarii ta’uun isee akkuma beekamu sabaa fi sablammoota ishee 80 ta’an waliin tursuuf amma iyyuu rakkoo guddaatu isee eeggata ejdhan.

Rakkoo ka biroon jedhan Dr. Nagaasoon lafa dheedichaa irraan kan ka’e walitti bu’iinsi gosootaa itti fufuu isaa ti. Kana gidduutti daran kan miidhaman dubartootaa fi ijoollee dha. Sabaa himaalee irratti hagas dubbatamuu baate illee itiyoopiyaa keessatti amma iyyuu qabsoon hidhannoo itti fufuun rakkoo ka biroo ta’uu ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG