Xurree ittiin seenan

Waan 'Nagaa Addunyaa Yaaddessaa' Keessaa Tokko Jijjiirama Qilleensaati

  • Soraa Halakee

Addunyaan akka aarii hamaan akkanaa qilleensa hammeesse lafa hin oowwifne mari'achuf barauma baraan koratti

Addunyaan akka aarii hamaan akkanaa qilleensa hammeesse lafa hin oowwifne mari'achuf barauma baraan koratti

Qilleensi addunyaa laakkuma bulee kahuun jijjiiramaa deema.Jijjiiramii kun addunyaan waan hedduun yaaddessa.Gama tokkoon oowwisee bokkaa buuseefii gama kaaniin qabbaneessee, oowwisee bona itti buusa.

Tokkummaan Mootummootaa akka oowwa qilleensa amma jiruu irratti oowwii digrii lamaa hin dabalame baruma barnaan kora yaama.Korii baranaa Faransaayitti taa'a.

Dr.Mark Eakin, dhaaba NOAA,National Oceanic and Atmospheric Administration jedhanitti saayintistii qorannooti.Yoo laftii oowwaa deemte,yoo oowwa amma jiru irratti digiriin lama dabalamte maanti maan taha jennaan.

“Gammoojjiitti haga dabra.Saatii bokkaa itti eegatanitti jijjiirama. Midhaaniti qancaree akka malee bada.Qilleensa amma jiru ka rakko hedduu fiduutti jiru irratti oowwi digrii lamaa dabalamu jechuun—rakkoo guddoo.”

Yoo oowwii qilleensaa dabale biyya tamiti irra miidhama jennaan ammoo: “Keessumattu biyya hiyyeeyyii fi guddachuutti jiran,afaan garbaa jala qubatan, guddoo miidhama.Biyya yoo balaan uumame dandamachuu hin dandeennee,ta qabeenni isii rakkoo keessaa isii hin baafnetti miidhama.”

Jijjiiramii qilleensaa akka Ministiri Ittisa waraana Amerika Amerikaatti nagaa addunyaatiifuu sodaa.

“Yo midhaan haga guddan badan kana,yoo lafti oowwituun qabbanooftee, qabbanooftuun oowwitu,ka lolaan biyya balleessuutti jirutti ummata jireenni iafa hanqaqate rakakte argina.Yoo mootummaan waan ummati fedhu hin tolchiniif yoo lafti jeeqamtu warri biyya nagaa dhowwu tana jala biyya jeequu dandaha. Kanaaf jijjiirami qilleensaa nagaa adudnyaa sodaachisaa.”

Yoo cabbiin baxxee garbii oli ka’u doonii fi bidiruun gargaarsa kennuu ykn hujii akka akkaatiif barbaa fi dooni irra ayaahan akka fedhan yahuun dhiba jedha Dr.Mark.

“Garbi faca'ee lafa fudhatee ummata baqachiisa.ummatii baqate ammoo jireennatti irraa hammaata.Geejjiba isaaniitii fi buufata doonii haaraa barbaduuf fkn warri afaan galanaa ykn garbaaatii qurxummi qabatee jiraatu rakkoo keessa bu’a.Ummati jireenna dhabee jeeqame,buqqa'e ammoo nagaa addunyaatiif yaadoo ta'a”

Ilmeen namaa qilleensa hammaachaa deemu kana dandamatii jennaan ammoo,”Hinuma dandamanna,hinuma jiraanna.Akka bineesa didiqqaa ka akka barbaree taanulle qaroomii adunyaa akka qilleensa kana barachaa yaanu nu tolcha.

Namii muummee Kibbaa fi muummee Kaabaa tanuma keessa baratee jiraachuutti jira.Gaafi guddoon akka namii rakkoo tana baratu,mala rakko irraa dandamataniin qabaachuu.”

Addunyaan baruma baranaan kora teettee akka laftii haga amma jirtu caalaa hin oowwine tolchuuf mari’atti.Mala aara gurraacha lafa balleessaa deemuutti jiru diqqeessaniin dubbatti.

Korii Tokkumnaan Mootummootaa jijjiirama qilleensa airratti mari'atu UNCCC C02 Conference,United Nation Climate Change Conference, (COP21) gahuun duratti biyyooti kora kana dhufan Bitootessa 2015 keessa karoora qilleensa naannoo isaaniitti jijjiiramuu dhowwaniin baasanii kora kanatti ergan. Bara kana ammoo akka jecha Dr.Markitti seera asiin duratti bahe mallaatteessanii ittin hojjachuuf waan dhufaniif korii baranaa badi qaba. Kori baranaa,Hagayyaa 30- Muddee 11,2015 Paaris Faransaay taa’a.

XS
SM
MD
LG