Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nu utuu hin taane shororkeessaan IHADEG jedhu mormitoonni


Manni murtii federaalaa itiyooopiyaa dhaddachi 19ffaan dhimma zelalem workagenyeufaa ilaaluu kan jalqabe akaakkachiisaan ture.

Akkka akeekkachiisa sanaatti himatamtoonni martinuu daqiiqaawwan itti aanan keessa kan isaan dubbachuu qaban balleessaa itti murame balleesseera ykn miti ka jedhu qofaa ta’uu qaba ka jedhu ture.

Zelalem workagenyehu gaaffii dhiyaateef ennaa deebisu himannaan na irratti dhiyaate abbaa alangaa fi poolisiin qindaa’ee kan dhiyaate kan kijibaa waan ta’eef deebii hin qabu jeheera.

Miseensa tokkummaa dimokraasii fi haqaa kan ture himatamaan lammataa Habtamu Ayalew immoo himannaa dhiyaate irratti fedhiis deebiis akkan hin qabaanne qaamni na himate iyyuu beeka, paartii ani dhaabadheef ana hidhuu dhaan waan diigeef abbaa alangaa nan galateeffadha jedhee jira. Manni murtiis achuma irratti dhaabsise.

Miseensuma paartii kanaa kan ta’e Dani’el shibeshiis waa’een shororkeessummaa ennaa ka’u jalqaba waa’ee kanaa kanan dhagaga’e Osama Bin Laden irraa yoo ta’u lammata immoo obbo Meles Zenawi irraa ti jedhee jira. Aniif kaayyoon ani dhaabadheef kana hin ibsu, shororkeessaan IHADEG malee ana miti, kana kan godheefis paartii koo diiguuf yoo jedhu manni murtii dhaabsisee jira.

Arena Tigray irraa Abrha Desta jecha isaa utuu hin kenning dura akka qajeelfama jiruutti dubbadhu ennaa jedhamu kun ajaja keessan miga koo kan yaada ibsuu na irraa hin mulqinaa shororkeessaan IHADEG himattoonni basastonni maafiyaa ta’an wal ta’u dhaan ennaa jedhutti manni murtichaa dhaabsisuu dhaan yakka hin raawwanne isa jedhuun galmeesseef.

Semayawi paartii irraa kan ta’e yeshiwas Asefas kan ani dubbadhu yeroo dhumaaf waan ta’eef na hin dhaabsisinaa jedhee ennaa kadhatu akka heera biyyattii keeyata 78 lak 4tti mana murtii addaa hundeessuun dhorkaa ta’us mana murtii humna warnaa ka fakkaatuun dhaddachi 19ffaan kun nu hiraarsaa jira ennaa jedhutti manni murtii dhaabsiseen.

Abbaan alangaas himatamtoonni martinuu gocha isaanii waan gananiif jecha raga isaa akka dhiyeeffatu beellama gaafatee jira. Akkuma kanaan Caamsaa 13, 14, fi 17tti beellama kennee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:57 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG