Xurree ittiin seenan

Oromiyaa fi Naannoolee Itiyoophiyaa Hedduutti Diqqaatullee Bokkaa Argachuutti Jira

  • Soraa Halakee

Godinii Oromiyaa hagi tokko diqqaatuu guddatu bokkaa argachuutti jira

Godinii Oromiyaa hagi tokko diqqaatuu guddatu bokkaa argachuutti jira

Oromiyaa gama Kibbaatti bokkaa Gannaati, naannolee taanitti ammoo bokkaa Afraasaa jedhaniin.Naannoo Oromiyaa haga tokkoo fi bokkaa dhabanii bonii itti jabaate Itiyoophiyaan hedduutti bokkaatti roobee namaa fi sa’a hedduutti dheebuu baase.

Fulaa hedduu bokkaa gannaa imimmaan guddaa qabutti roobee haraa-danbalaa guute,lafa haga tokkotti diqqaattu guddattuu lagatti jira.

Akka jecha ogeettii Raaga Qilleensa Itoophiyaa aaddee Caalii Dabaleetti bokkaan amma roobuutti jiru kun ammaaf keessumattu naannoo horsiisee bulaatii faaydaa guddaa kenna.

Amma eessa faatti bokkaa argachuutti jira jennaan, “amma bokkaa argachu ka qabanTigraay gama Kaabaa,Oromiyaa gama Kibbaa Tigraay,Baha Amaaraa,Jiddu-Gala Bahaafi,Affaar,Somaalee fi naannoo Kibbaati.Gamii Lixaalleen haga guddaan bokkaa qaba.

Bokkaan Goodeetti roobe guddoo lolaase, Jimma gama tokkoon,Arsi Baalee gama tokkoon roobe.”Walumaa galattuu bokkaa MM 37-47 roobe.”

Bokkaan kun bokkaa hagam abdatan jennaan, “bokkaan kun akkuma durattu jennee xiqqoo turee jalqabe garuu naannoolee hirsiisee bulaatti margaa fi bishaan kennuuf bu’aa guddaa qaba.Gama kaaniin ammoo maasii qopeheffachuu fi boqoolloo facaafachuuf bu’aa guddaa qaba”

Qilleensii naannoo Itoophiyaatii bokkaa fidaa ka Bonaa fi Afraasaalleen gara gara akka jecha aaddee Caaliitti.

Ka Arfaasaa gara Awurooppaatti qilleensa dhiibaa dhufa,Lixaa gara Bahaatti deema.Achii dhiibee dhufee gara Indii fi Ataalantik gahee bokkaa fida.”

Taatullee akka aaddee Caaliitti bokkaa kanaan naannoon tokko tokko bokkaa hanqinna qabaachuu dandahan.

Gama kaaniin ammoo National Weather Center(NWC),jidduu gala raga qilleensa USA.Dhaabii kun dame qilleensa Afrikaa tohatu qaba.Africa Climate prediction Center jedhan.

Itti gaafatmaaan dame tanaa Wassillaa Wassila Thihawu jedhan.Dhaabi isaanii addunyaa keessa waajjira gugurdaa qabaachuu baatullee odeeffannoo qilleensaa walti qabe marsaa interneetii isaanii irra naqa.

Saatelaayitiin NWC qilleensa addunyaatiin tohatu Meteosat.

Meteosat,satelaayiti Awurooppa NWC,Jiddu Galii Qilleensa USA qilleensa Afrikaatiin to'atu(file)

Meteosat,satelaayiti Awurooppa NWC,Jiddu Galii Qilleensa USA qilleensa Afrikaatiin to'atu(file)

"Saatelaayitiin teenna haga guddaan waan qilleensii fakkaatu tohatti. Keessattu jiidha qilleensa keessa jiru laaluuf. Saatelaayitiin tun mudhii lafa irraa lafa km 36,000 oli fagaatte jirti.

Akka lafaatti yoo laalan ammoo gara Naayjeiryaa Equwaatooriyaal Giinii,fi Toogoo faatti dhiyaaatti.Saatelaayitii qilleensaan tohatan hedduutti jira.”

Qilleensii bokkaa ka Afrikaa gama Bahaa barana maan fakkaata jennaan bokkaan kun haga fedhanitti waan roobu hin fakkaatu jedha.Adoo roobellee haga bokkaa Ebalaa fi Caamsaa fa hin gahu jedha.

Qilleensa EL NINO jedhan barana maal fakkaata jennaan ammoo, "guddoo laafaa.”

Biyyoti ammaa bokkaa argachuutti jrian biyya Northern Hemisphere ykn ammo mudhii lafaati gararroo jiran.

Biyyoota Northern Hemphisper,Mudhi lafaati oli jiranitit bokkaa argachuutti jira(file)

Biyyoota Northern Hemphisper,Mudhi lafaati oli jiranitit bokkaa argachuutti jira(file)

Afrikaa keessaa Afrikaa gama bahaa, Ugaandaa,Keenyaa Itoophiyaa,Afrikaa gama Dhihaa; seraaliyoon, laaybeeriyaa, Giinii kotidivoori,Gaanaa, Toogoo, Beenin, Naayjeriyaa fi hedduu.Biraazil gama Bahaaleen saati tana bokkaa argatti.

XS
SM
MD
LG