Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolli Yemen keessaa itti fufee jira. Baqattoonnis lola kana giddutti danqamne jedhu


Baqattoonni Yemen keessa jiran yeroo ammaa rakkoo hamaa keessa jiraachuu isaanii dubbatu. Dhukaasi magaalaa nuti keessa jirru Aden keessatti waan geggeessamaa jirruuf gad ba’uu hin dandeenyu jedhan.

Baqttoonni beelaa fi dheebuu dhaan dhumaa jiru. UNHCR biraa illee gargaarsa argachuu waan hin dandeenye jedhu. Haalli kun akkasitti itti ijoolleen keenyas haala hamtuun nu mudachuuf jira kan jedhan baqattoonni kun hawaasi addunyaa akka isaaniif dhaqqabuuf waamicha dabarsataniiru.

Aden kan jiru waajjira dhaaba baqattootaa kan tokkummaa mootummootaatti itti aantuu itti gaafatamtuun tajaajila dhimmi hawaasaa aadde Ayishaa Seyiid namoonni daandii irratti walitti dhukaasu waan ta’eef ala ba’uun hamaa ta’uu isaa nuuf ibsaniiru.

Baqattoota kanneen mooraa keessa jiran hanga danda’ametti gargaarsa nyaataa fi maallaqaa ittiin ga’aa jirra jedhan. Kanneen naannoo magaalaa jiraataniif garuu tarjaajila Raashinii raabsuu hin qabnu waan ta’eef rakkoon baqattoota irra ga’u kan lammiiwwan Yemenii irra ga’us waan ta’eef garamitti deemaa akka jirru eegaa jirra jedhan.

Baqattoonni kun ala taa’uu irra mooraa baqattootaatti yoo galle daran gargaaramuu dandeenya waan ta’eef dhaabi baqattootaa UNHCR isa kana yaada keessa galchuu dhaan dafee akka nuu dhaqqabu iyyanna jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:11 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG