Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Itiyoopiyaa gocha shorokeessota IS balaaleffatan


Daraggoonni irra hedduun dhiirota ta’an ariifatanii adeemuu dhaan waltajjii masqalaa irra naanna’uu dhaan naannoo Cherqoos hanga meshwalekyaatti sagalee isaanii dhageesisaa turan.

Andaara galaana Libyaatti kan waraabame vidiyoon olola gareelee finxaaleyyii marasariitii isaa irraa akka mul’isetti lammiiwwan Itiyoopiyaa 15 rasaasaan kaan immoo mormi irraa muramanii ajjeefamuu agarisiise.

Har’a finfinnee keessatti hiriira mormii kan geggeessan haalli isaa hedduu kan isaan gaddisiise ta’uu ibsuu dhaan lammiiwwan irratti gochi gara jabinaa akkasii akka hin raawwatamne tarkaanfiin akka fudhatamu gaafatanii, kanneen gocha ISIL kana irratti hirmaatanis murtiitti haadhiyaatan jechuun sagalee isaanii dhageesisaniiru.

Marsariitiilee adda addaa irratti hiriirri kun vidiyoon waraabamee dhiyaateera. Siyum Yun amlak kan obboleessi isaa Iyasu Yhun amlak haleellaa sanaan duraa ajjeefame hiriira sana irratti hirmaachuu isaa ibsee jira.

Uummanni Finfinnee ganda keenyatti wal ga’ee kadhata qalbii jijjiirrannaa godheera. Abbootiinis dhufaniiru. Faarfattoonnis hedduun argamaniiru. Ganama kaanee gara qaama mootummaa dhaquuf karaa jalqabnaan bor dhuftu nuun jennaan mana keenyatti deebine jedhee jira.

Yoo kun mirkanaa’e jedhan Redwan namoota kanneen Awrooppaa seenuuf imala hamaa geggeessuun lubbuu isaanii balaa irra buusaniif akeekkachiisa jechuu dhaan sabaa himaa mootummaa irratti dhiyaachuun dubbataniiru.

Maatiiwwan namoonni duraa ajjeefaman VOAf akka ibsanitti du’uu firoottan isaanii kan hubatan erga TV saatelaayitii irraa akkaataa ajjeechaa gara jabinaa irratti raawwatan daawwatanii booda. Miidhamtoonni kun irra hedduun koolu galtootaa fi baqattoota Itiyooopiyaa irraa ta’anii fi kanneen galaana Mediterranean qaxxamuranii karaa Libyaa ba’uu dhaan Awrooppaa seenuu fedhani.

Paarlaamaan Itiyoopiyaas borii qabee guyyaa gaddaa biyyoolessaa sadii labsee jira. Naannolee biyyattii salgan, bulchiinsaawwan magaalaa fi embaasilee Itiyyoopiyaa naannoo addunyaa jiranitti alaabaan biyyattii gad siqee akka fannifamu murteessuu isaa afaan yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa Abbaa Duulaa Gamadaa ibsaniiru.

Ibsa Paarlaamaaf kennaniin ministeerri dhimmi alaa Tewdros Adahanom akka jedhanitti mootummaan lammiiwwan isaa kanneen biyyoota akka Libya keessa jiranii fi fedha ofiin biyyatti deebi’uu barbaadan baasii isaatiin biyyatti deebisuuf qophee dha jedhan.

Mootummaan Itiyoopoyaa uummati ajjeechaa ISIL kana akka balaaleffatuu fi roobii borii hiriira geggeeffamu irratti akka hirmaatu waamicha dabarsee jira.

Muummichi ministeeraa H/Mariam Desaleny kaleessa galgala ajjeechaan suukaneessaan sun erga raawwatamee booda haasaa TV dhageesisaniin lammiiwwan Itiyoopopiyaa tokkoomuu dhaan garee ISIL dura akka dhaabbatu naannolee haala hamtuun keessatti uumamaa jiru keessa jiranis fedha isaaniin gara biyya isaaniitti akka deebi’an waamicha dabarsaniiru. Uummata maraafis jajjabina hawwaniiru.

Ajjeechaan kun shororkeessonni ilma namaa lafa irraa fixuuf ka’an ajjeechaa raawwatani. Lammiiwwan keenya kun biyya isaanii keessaa ba’anii Libya keessa utuu jiranii humni shororkeessaan kun ajjeechaa suukaneessaa kana irratti raawwachuun uummata keenya mara akka gaddisiise beekna. Mootummaanis ajjeechaan suukaneessaan kun hedduu kan nama gaddisiisu ta’uu isaa amanuu dhaan maatiwwan isaanii akkasumas uummatichaaf jajjabina hawwa, uummatis shorokeessummaa irratti duula jalqabame mootummaa cina dhaabatee akka itti fufu waamicha dabarsina jedhan.

Gama biraatiin Cairo dabalatee biyyoota Libya fi naannoo ishee jiraniif ambasaddora kan ta’an Ambasador Momamud dirir haala yeroo ammaa Libya keessa jiru waahila keenya Afaan Tigre Bertr Siltaniif ibsanii jiru. Libyan yeroo ammaa mootummaa dhaabbataa mara hirmaachise hin qabdu kan jedhan Mohamud Qaamni inni tokko naannoo Tobruk dhuunfatee mootummaan ana yoo jedhu kaan immoo Tripolii qabate mootummaan ana jedha.

Gama biraan paartileen mormituu Semayawi paartii lammiiwwan Itiyoopiyaa ba’anii gadda isaanii akka ibsaniif hiriira waamame ni deggerra jechuu dhaan ibsa baasee jira. Har’a jechuunis kibxata 13 bara 2007 jiraattonni magaalaa Finfinnee ajjeechaa sukaneessaa lammiiwwan keenya irratti raawwate ilaalcha haa argatu jechuu dhaan gara mana mootummaatti deemaa utuu hiranii poolisiin humnaan bittimsee jira jedhan ibsi paartii kanaa.

Maatiiwwan namoonni duraa du’an dabalatee uummanni mootummaa qabna jedhee ennaa hiriiru humnaan ofi irra deebifamuun lammiiwwan isaaf ilaalcha kennuu dhabuu dha jedhee jira. Ebla 14 bara 2007s hiriira mormii waltajjii masqalaatti akka geggeessu paaritiin kun ibsee jira.

Paartiin Mormituu ka biroon Medrekis gama isaan haleellaa gara jabinaa gareeleen finxaaleyyii Libya keessatti lammiiwwan Itiyoopiyaa irratti raawwate ejjennoo uummati keenya farra shororkeessummaaf qabu cimsa malee hin laaffisu jedhee jira. Yeroo ammaa loogii siyaasaa biyya keenya keessa jiru irraan kan ka’e lammiiwwan biyyattii biyya isaanii keessaa hojjetanii jiraachuu waan dadhabaniif biyyaa ba’anii haala hamaaf saaxilamu jedha ibsi paartii medredk. Gocha gara jabina ISIS raawwatee sabaa himaalee irratti akka gootummaa godhee tamsaase kana ennaa ilaallu miseensonni Medrek martinuu gadda guddaatu nutti dhaga’ama jechuu dhaan maatiiwwan namoonni duraa du’aniif uummata Itiyoopiyaaf jajjabina hawwina jedhee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:51 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG