Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaa keessatti hookkara poolisii fi jiraattota gidduutti belbele


suuqiin kutaa Meerilaand Baltimoor keessaa hookkara ka'een ennaa gubatu
suuqiin kutaa Meerilaand Baltimoor keessaa hookkara ka'een ennaa gubatu

As Yunaayitid Istaates magaalaa beekamtuu kutaa Meeriilaand keessa jirtu Baaltimoor keessatti dargaggoon gurraachi-Ameerikaa umuriin digdamii shanii, poolisiin qabamee otuu jiruu miidhaa irraa ga’een du’eef , eega sirni geggeessaa reeffaa godhameefii booda Hiriirri mormii geggeessame gara Hookkaraatti yoo xiqqaate Poolisoonni madeessamuun gabaasamee jira. Dargaggoonni lammiwwan Ameerikaa hidda Afrikaa dhibba hedduutti lakkaawaman ganda geggeessaan reeffaa keessatti ta’e sanatti bobba’uudhaan – konkolaatota guban, suuqiilee saaman, qabeenyaalee barbadeessan. Yeroo poolisoonni tasgabbeessuuf itti bobba’an immoo – dhagaa, caccabaa qaruuraa fi caccabaa argatan mara itti darbachuun of irraa lolan. Dargaggeessichi umuriin 25nii FREDIE GRAY Caamsaa 12 ture kan inni poolisiin qabame. Hookkara Kaleessaa sanaa booda – Bulchaan kutaa Meeriilaand LARRY HOGAN labsii naga-eegumsa hatattamaa labsuudhaan, humna nageenyaa biyyoolessaa “NATIONAL GUARD” jedhamu akka bobba’u ajaja kennan. Magaalaa Hookkarri kun itti uumame Baaltimoor keessa jiraatu Obbo BILISUMMAA TASGARAA-tti bilbilee haasofsiiseen jira. Obbo Bilisumma mee Kaleessa ennaa hookkarii sun Poolisootaa fi dargoggoota jiraattota magaalaa Baltimoor gidduutti ka’e ati eessa turte?

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:21 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG