Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasaa kootti bifi hin taane kennan jedhu Wendy Sherman


Filannoon Ethiopia kan Caamsaa 24 geggeeffamuuf jiru dimokraatawaa dha jedhamee jira. Biyyattiin akka fakkeenya guddinaatti ilaalamte kun yeroo hedduu walabummaa sivikiit ukkaamsuu fi waggoota hedduuf gaazexeessota dhuunfaa adamsuun beekamti.

Itti aantuu ministrittiin dhimma alaa US kan dhimmootii siyaasaa Wendy Sherman caamsaa 16 ennaa Ethiopiaa daawwatan yaada kennaniin demokraasiin biyyattii fuula duratti tarkaanfataa jira, filannoon dhufaa jiru kan walabaa, hawaa fi amansiisaa ta’e jennee abdanna jechuun gaaffii kaasisiee jira.

Ms Sherman Itiyoopiyaa galateeffachuun keessumaa galmee biyyattiin walabummaa presiii ukkamsuu qabdu ilaalchisee kan haqaa miti jedha Washington Post. Gaazexeessota 19 hidhaa keessa kan jiran si’a ta’u kun immoo Afriikaa keessaa lakkoobsa guddicha jedha gabaasi CPJ haaraa ba’e.

Akka gabaasa kanaatti addinyaa irraa biyyoota hojii gaazexeessotaa saansurii godhan jalqabaa 10 keessaa toora arfaffaa irra jirti. Yoo xiqqaate gaazexeessonni 16 biyyaa kan baqatan si ‘a ta’u barruuleen dhuunfaa hedduun dhiibbaa angawoonni irra kaa’an irraan kan ka’e cufamanii jiran. Jedha barreeffanmni Washington Post.

Itti Ministrittiin dhimma alaa Wendy Sherman deebii kennaniin Itiyoopiyaan naannoo akkaan barbaachisaa ta’e keessatti michuu US ijoo dha. Al-shabab Somalia keessatti duuluuf humnootii naga eegumsaa gumaachuu akkasumas Sudan kibbaa keessatti nageenya buusuu keessaa qooda guddaa qadi. Diangdeen ishee biyyoota guddataa jiran keessaa tokko ennaa taatu galma mokeniyumii guutuufis fooya’ina guddaa argamsiistee jirti.

Washington post itti fufuu dhaan Wendy Sherman kan isaan. Itiyoopoyaan daandii dheeraa gara dimokraasii guutuutti geessu qabattee jirti jedhan tuqee jira.

Wendy Sherman akka jedhanitti jedha Washington post akkuman kana dura mul’inatti dubbadhe akkasumas presidenti Obaman yaada dhiyeessaniin yaadi ani kenne jajjabeessaa dhaaf filannoon dhufu fuula duratti tarkaanfachuuf daandii saaqa abdii jedhu jedhan. Itiyoopiyaan dimokraasii dhaan biyya soolana waan taateef gara fuula duraatti haalli siyaasa biyyattii uummatichaaf filannoo dhugaa akka argatan godha abdii jedhu qabna jedhan.

Xumura daawwannaa koottis jedhan Sherman gaazexeessonni hedduun biyyootii Afriikaa kanneen biroo caalaa Iriyoopiyaa keessatti hidhamanii jiraachuu isaanii tuqeera.

United States dhimmootii demokraasii fi mirga namaa ilaalchisee Itiyoopioyaa waliin marii dhugaa irratti hundaa’e ni geggeessiti. Yeroo daawwannaa koo Finfinneetti jedhan Sherman waltajjiin polotiikaa dhiphoo ta’uu isaa, gaazeessonni dhuunfaa hidhaa keesa jiraachuu akkasumas seerri farra shorokeessummaa sun mormitoota polotiikaa hacuucuuf itti fayyadamuu isaa ilaalchisee yaaddoon qabu ibseera jedhan jedha Washington Post.

Gulaalaan gaazexaa kanaa waanan dubbadhe bifa biraa itti kennuun isaa na gaddisisa. Waan hunda caalaa immoo hariiroo guutuu ka biyyoota lamaan gidduu bifa biraa kennu isaatti nan gadda. Mootummaan US haala mirga namaa biyyattii keessaa itti dhiyeenyaan kan hordofuu si’a ta’u qaama hariiroo keenya waan ta’eef immoo dimokraasiin dhugaa akka dagaguu gochuuf Itiyoopiyaa waliin hojjechuu itti fufna jedhan jechuu dhaan Washington post yaada isaa xumureera.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:26 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG