Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hayilee G/Sillaasee Dorgommii Addunyaa Ya Dhiise Jedha


 Hayilee G/sillaasee
Hayilee G/sillaasee

Atileeti Hayileen gaafa ganni isaa 200 dorgommi jalqabee marroo 27 rekordii addunyaa cabse.

Marro lama Olompikiitti warqii badhaafame, shaampiyoonaa ammoo marroo saddeeti moohee akkanuma jechaa marroo 27 rekordii addunyaa argate.

Ganna shaniin duralleetti dorgommii dhiisaa jedhee labsate eegee ammo itti deebihe ta ammaa ammoo waan gara kutatatee jedhe fakkaata.Dhugaa dorgommi dhiiftaa jedhanii UKtit gaafannaan.

“Ee dhugumaa dorogmmii dhiise malee fiigicha hin dhiifne,fiigihcii waan dhiisanii miti. dhiisuu miti.Asitti dorgommi dhaabu.Warra na jaalatullee tanuma ittimuuf dhufe.”

Hayileen nama 42 haga ganna 25 akkanuma fiiga.Kalee(Sanbata guddaa) dorgommii GREAT MACNSETER UNITED UK keessatti qopheessan fixee galee akka dorgomii dhiisu labsate.

Dorgommii Guddattoota Itoophiyaa Sadeessoo Oromiyaa Arsii Asallaatti qopheessa.

Dorgommiin tun dorgommi atileetiksii addunyaa ji’a lamaan duubatti Kolombiyaatti qopheessaniif nama biyya bakka bu’u itti filatan.

Akka ogeessi olaanaa Federeshiinii atileetiksii Itoophiyaa, Asaffaa Baqqalaa jedhutti dorgommii tana ijoollee gannii 15-17 itti wal morkata.

Dorgommii EPL ittuma jiranii kilabii QPR 6-0 moohani dorogmmii EPL Keessaa baasan.

Kilabiin QPR duruu qabxi diqqoo qabaachuun duuba jirtii tapha Sanbata Manchester Yuniyted waliin taphatte irratti 6-0 mohamtee dorgommii EPL keessaa sadarkaa gadi aanutti buusan.

Warrii akka hamaa QPR itti moohamte arge kaan mamiin harka hargufachaa,kaan gurmuu oli tuqachaa,kaan quba walti qabaa mataa buusaa dirree keessaa bahe.

Gama kaaniin ammoo Liigiin kubbaa miilaa QPR paawondii miliyoona 57tiin adabuuf murteessee jarillee oli iyyachuutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG