Xurree ittiin seenan

Gamtaan Awrooppaa Koolu galtoonni dirqisiisamanii biyyatti hin deebifaman jedhe!

  • VOA

Gamtaa Awroppaatti bakka buutuu gameetttii dhimmootii alaa Federica Moherin torbanneen hedduu keessatti yeroo lammataaf gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaaf ibsa kennanii jiru.

Godaanota lammiiwwan afriikaa fi Arbbaa kanneen baqattoota namoota seeraa ala nama deddeebisaniin Awrooppaa seenuu yaalaniif yeroo hedduu galaana keessatti dhuman ilaalchisee furmaati dinqii dhaan ta’u hin jiru, garuu guutummaan addunyaa deebii wlaii gala itti kennuu male jedhan.

Gargaarsa namoomaa kan yeroo hatattamaa qofaa utuu hin taane caasaan namoota baqattoota seeraa ala deddeebisanii wal qabataa waan ta’eef, yeroo tokko tokkos dhimmootii maallaqaa fi hojii shororkeessotaa kan naannoo duruumaanuu jeeqamee jiruutti jeeqama ka biroo dabale waliin hidhata qaba jedhan.

Waggaa kana uummata 1800 kanneen hiyyummaa, walitti bu’iinsaa fi hacuucaa biyya ofii keessaa dheessantu galaana Mediterranean qaxxaamuranii Awrooppaa seenuu utuu yaalanii dhuman.

Hedduun isaanii maallaqa qusatan baasuu dhaan namoota ofittoo baqattoota seeraa ala deddeebisan harkatti kufuu dhaan imala hamtuu gara biyya akka Libya ofumaa iyyuu walitti bu’iinsaa fi jeeqaman raafamuutti geggeessu. Achiis achumatti gatamu ykn immoo bidiruu amansiisaa hin taanee fi humnaa ol nama fe’eate yaabatanii galaana keessatti dhumu. Moherinin akka jedhanitti godaantota kana lubbuu oolchuu jechuun humnaan biyya irraa dhufanitti deebisuu miti.

Mul’inatti kan ani mirkaneessuu fedhu, baqattoonni ykn koolu galaantoonni galaaqana utuu qaxxaamuranii qabaman tokko iyyuu fedha isaaniin ala biyyatti hin deebisaman. Mirgi walii galtee Geneva sun guutummaatti ni kabajama jedhan.

Moherini-n akka jedhanitti namoota baqattoota seeraan ala deddeebisaniif daandii kan ta’e Libya qofa utuu hin taane irra hedduun namoota kanaa biyyattii keessa darbu.

Gama biraatiin immoo torban kana warren Awropa baqattoota kurna kumaan laka’amaniif ardittii seenan biyyoonni miseensa gamtaa Awropa ta’an meeqa akka simatan kootaa ramaduu irratti wal falmaa jiran.

Mariin kun kan dhaga’ame amenesty International godaantota Libya irra dararaa hamaa fi humnaan gudeeddiin raawwatamaa waan jiruuf kana jalaa miliquuf jecha gara garba Mediterraneanitti yaa’aa jiru jechuun akeekkachisee booda. Namoonni polotiikaa Awrooppaa dhimma immigration ilaalchisee falmii geggeessaa wayita jiran kanatti bidiruuwwan gamas seenuu itti fufaniiru.

Koolu galtoonni 400 ta’an doonii Germaniitiin Xaaliyaanii gama kibbaa andaara galaana Reggio Calabria ga’anii jiran. Germaniinis koolu galtoota hedduu biyya simattu keessaa took. Kan waggaa darbee irraa dacha ta’e waggaa kana namoota dahata siyaasaa barbaadan kuma 400 oltu biyyattii seenu jedhamee eegama.

Dhimmi kunis chanselerittiin Germany Angela Merkel har’a gumii yeroo hatattamaa akka waamanii fi michoonni isaanii Awrooppaa itti gaafatama kana akka qooddatan waamicha gochuuf isaan dirqisiise.

Kanaaf furmaata waliinii barbaaduu caalaa tokkummaa Awrooppaa kan agarsiisu filannoo ka biraan hin jiru jedhan. Torban torbaniin baqattoota dhibbaan laka’amantu karaa buufata xaaliyaanii Milan darbuu dhaan gara Germaniitti imalu. Hojii gargaarsaa fedha ofiin kan hojjetan Susy Lovieno baqattoota kanaaf nyaata, huccuu fi gorsa kennuun tajaajilu. Awrooppaan jijjiirama gochuu qabdi jedhu.

Kun rakkoo gargaarsa namoomaa uuma. Qooda kanaa embasilee biyyoota hollaa jiran kan akka Lebannon, Jordan fi Tuerkey irraa visa seeraan gamana isaan seensisu yoo argatan gaarii ta’a. Sun imala seeraan alaa fi sodaachisee ta’e irraa ittisuuf gargaara jedhan.

Awrooppaan har’a baqattoota meeqa biyyoonni miseensa gamticha ta’an fudhachuun akka irra jiraatu irratti bor falmii geggeessuuf jiru. Hangary-n biyya koolu galtoonni Balkans irraa dhufan karaa ishee darban ennaa taatu biyyoota hedduu kootaa kana fudhatama dhabsiisan keessaa tokko. Muummichi ministeeraa Viktor Orban deebii cimaa kana kennanii jiran.

Hungary keessatti koolu galtoota arguu hin feenu jedhan. Miseensonni gamtaa Awrooppaakanneen biroon yaada keenya yoo gaafatan isinuu isin hin barbaachisu ka jedhu deebiin koo jedhan.

Biyyoonni Awropa hedduun bidiruuwwan gara galaanaatti yaa’uuf sababaan jeeqama Libya keessaa ti jechuun himachuu dhaan dooniiwwan waraanaa andaara galaana Libyatti akka bobba’an gaafataniiru. Yaada kana garuu kan bulchiinsa diina walii ta’an keessaa kan mootummaa Tripoli to’atee jiruuf muummicha ministeeraa yeroofii kan ta’an Khalifa Al Ghweil fudhatama dhabsiisn.

Khalifan akka jedhanitti kan nuti gamtaa Awrooppaa irraa barbaannu mootummaa biyyoolessaa Tripoli keessaa fi waliin walii galee godaantummaa kana dhaabisuun karaa itti danda’amu mala dha’uu dha.

Gareen mirga namaaf falmu Amnesty International godaantonni Libya keessaa haala hamtuu keessa kan jiran si’a ta’u kun immoo gara galaanatti akka baqatan isaan dirqisiisa jedhee jira.

XS
SM
MD
LG