Xurree ittiin seenan

Breaking News

Semaayawii Paartiin IHADEG yeroo inni aangoo itti gad dhiisu amma jedha


Semayawi paartiin filannoo barana irratti kanneen hirmaatan keessaa paartii haaraa ta’uu hin oolu. Paartiin kun erga hundeeffamee waggaa afur kan hin guunne si’a ta’u filannoo biyyoolessaa irratti hirmaachuufis ka jalqabaa ti.

Itti aanaan dura taa’aan paartichaaf qindeessaan filannoo baranaa obbo Sileshii Fayyisaa dhaadannoo filannoo isaanii baranaa inni ijoon bulchiinsi IHADEG kan waggoota 24 xumuraan ga’uu ennaa ta’u uummatichi akka hubatu gochuu dha jedhan.

Imaammati IHADEG waggoota 24 keessatti kufaatiin irra ga’eera jenne ti kan amannu. Itiopiyaanis waggoota 24n kana keessa guddina ol aanaa irra ga’uutu irra ture.

Gama kaaniin Ihadeg mirga namaaf dimokraasii ilaalchisee hojiiwwan inni hojjetu gara dukkanaatti geessaa jira. Kana immoo fooyyessuu kan danda’u IHADEG miti. Ihadeg yaalamee kufee jira. Kan gochuu kan danda’u qaama ka biroo dha jehdan.

Obbo Sileshiin VOAf akka ibsanitti kana ennaa jennu duuchaatti qeequu ykn mormuu qofaaf utuu hin taane imaammata filannoo ta’an lafa kaa’uu dhaan jedhan. Kanas paartichi barreeffamootaaf dadammaqiinsa kenneen kan beeksise ta’uu ibsanii, dhimmi ijoon uummata biyya tokkoo akka wal ta’u gochuu dha jedhan.

Beekamuun kan irra jiraatu paartileen polotiikaa dhimmoota jiran jalqabanii kan xumuran miti. Martinuu kan jiru beekumsi, qabeenyaanis kan jiru biyya guddisuuf yoo barbaadame, nuti walii gallee haala hojii dhaaf mijatu uumuu yoo dandeenye qofa. Gama kanaan biyya keessaaf alaa hayyoonni hedduun cina keenya hiriiranii akka jiran waan hubanneef uummaticha abdii godhanna jedhaniiru.

Dorgommii filannoo keessa galee jijjiirama argamsiisuuf mala dandeessisu qopheessee paartiin isaanii mana maree bakka bu’otaaf kaadhimamtoota gara 400 mana maree naannoof kaadhimamtoota 800 qopheesse kan ture ta’uu obbo Sileshiin ibsaniiru. boordiin filannoo garuu karoorri keenya kun galma akka hin geenye tarkaanfii seeraan alaa fudhachuu dhaan kaadhimamtoota keenya nu duraa haqe jedhan.

Boordiin filannoo kana garuu fudhatama dhabsiisuun isaa ni yaadatama. Boordiin filannoo akka jedhetti miseensonni semayawi paartiin dhiyeessan kan haqamaniif miseensota paartilee ka biroo waan turaniif jechuu dhaan angawoonni boordii filannoo ibsaa turan.

Ibsa boordiin filannoo baase adda addaas semaayawii paartiin gochaalee seeraan alaa hedduu raawwatan jedha. Obbo Sileshiin akka jedhanitti Boordiin filannoo kaadhimamtoota hanga ammaatti beeka jedhu illee mul’inatti akka beeksisuuf xalayaa ergameef deebii hin kennine.

Haa ta’u malee boordiin filannoo paartiin isaanii mana maree bakka bu’otaaf kaadhimamtoota 100 ol akka dhiyeessu kan beeu si’a a’u lakkoobsa dorgomtootaa garuu sirriitti hin beeku jedhan. Dorgomtoonni hedduun dhimmi isaanii rarraafamee jira jedh obbo Sileshiin.

Lakkoobsa jiru sirriitti dubbachuun kan hin danda’amneef dhimmootii mana murtii waliin wal qabatee dhimmi isaanii rarraafamee kan hafe dorgomtoota hedduutu jiru.

Kanneen murtii kanneen argatanis boordii filannoos haa ta’u qaamotiin filannoo sadarkaa adda addaa irra jiran hojii irra oolchuu dhiisuuf murtii mana murtii dura dhaabataniiru.Kanaaf lakkoobsi inni sirriin kana jechuun rakkisaa dha jedhu obbo Silashiin.

Akkas ta’ee iyyuu garuu semayawi paartiin naannolee filannoo biyyattii keessatti kanneen bobbaase keessaa muummicha ministeeraa H/Mariyaam Desaleny dabalatee angawoota mootummaa gameeyyii fi miseensota beekamoo kan paartii biyya bulchuu dorgommii filannoo irratti miseensonni koo dura dhaabatan hiriiraniiru jedhee jira.

XS
SM
MD
LG