Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoolleen Afrikaa Kilaboota Kubbaa Miilaa Awurooppaa Keessa Jiran Mataa-Dubbii Addunya Tahumatit Jiran


Gediyon Zelaalem kilabii dargaggoota Amerikaa (USMNT-U20)taphachuuf filatame
Gediyon Zelaalem kilabii dargaggoota Amerikaa (USMNT-U20)taphachuuf filatame

Kana keessaa tokko Gedihon Zelaalemiiti. Gedihon gurbaa ganna 18 maatiin isaa Ityoophiyaa innii ammoo Jermenitti dhalate.

Gurbaan kun duraan Kilabii dargaggoota Arsenaalii taphataa amma ammoo kilabii dargaggoota USA gannii 20 gadii (USMNT-U20) taphachuuf filame.

Caamsaa dhufu jalqabee shaampiyoonaa dorgommii kubbaa miilaa addunyaa ijoollee ganna 20 gadii FIFA U-20,biyya New Zilaanditti taphataniif qophii jira.

Sadi’o Mané, ammoo gurbaa dhalootaan Senegaal ka kilabii biyya isaa Senegaalii fi biyya alaatti ammoo Southamptonii taphata.

Gurbaan kun yoo kilabiin isaa kalee(Sanbata) Aston Villa waliin tapahttetti 2:56' daqiqiaa lamaa fi sekondii 56 keessatti goolii sadii galchee nama EPL keessaa gooli akkanaa galche ka qaraa tahe.Tapha sun irratti Soutampton 6-1 Aston Villa moote.

Gama kaaniin ammoo André Ayew, gurbaan kilabii kubbaa miilaa biyyoolessaa Gaanaati tapahtau ka ammaa garee kubbaa miilaa Faransaay, French Ligue 1taphatu Player of the Year, tapahtaa baranaa beekamaa jedhamee badhaafame.

Gurbaan kun ilmaan Abiidee Peelee sadeen keessaa tokko. Kilabii Faransaay keessaa Marsellee taphata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG