Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dullii Filmaataa Itiyoophiyaa Keessatti Itti FufeeJira


Dr. Mararaa Guddinaa
Dr. Mararaa Guddinaa
Obbo Gabruu Asraat
Obbo Gabruu Asraat

Filannoon guutummaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu guyyaan Afuur lafa hafeetti dulli na filadhaa mootummaanis ta’e mormiitoonni gaggeessan amma iyyu itti fufee jira.Koreen hojii rawwachiiftuu kan Paartiin Itiyophiyaa bulchaa jiruu sambata darbe walgahii gaggeesseen filannoo marsaa fffaa kana kan haqaa Dimokraatawaa fi nagana kan guutamee akkasumas haala amantaa uummataa mirkaneesseen gaggeesuuf qophiin xumuramuu ibsee jira.Kanan malees deemsaa fi raawwiin hanga ammaatti ture milkaa’iina kan qabu ta’u mirka’eera jedha.

Doktor Addis Alam Baallemaa
Doktor Addis Alam Baallemaa

Gama kaaniin mormiitoonni deemsii hanga har’atti ture shiraan kan guutamee fi reebicha hidhaa fi dorsisaan kan guutame ture jedhu. Kaardii sagalee itti kennan nama tokkoof hedduu kennuu isa kenname immoo galmeessuu dhisuu akkasumas paartiin biyya bulchaa jiru kaardii kana karaa biraa kan maxxansisuu ta’u ibsan.Filannoon waa’ee dorgoomtotaa qofa otoo hin taanee waa’ee sagalee uummataa waan ta’eef jijjirama fiduun ni danda’ama jenne filannootti hirmaanne jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:06 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG