Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doorsisi mootummaa qabsoo uummataa hin dhaabsisu jedhu mormitoonni


Obbo Baqqalaa Nagaa
Obbo Baqqalaa Nagaa

Ibsa muummicha ministeeraa kanaaf deebii gama mormitootaan deebii kan nuu kennan barreessaa paartii federaalawaa uummata oromoo obbo Baqqalaa Nagaa turan. Uummata keenya qabsoo inni eegale doorsisi mootummaan oofu hin dhaabsisu jedhan.

Waggoota digdamii afuriif uummatichaaf bu’aa hin buusne har’a ka’anii gama misoomaan uummataan fedhii keen guuta jedhanii waadaa duwwaa seenuun waan fakkaatu miti uummatis gowwoomsamaa hin jiru jedhan obbo baqqalaan.

Mootummaan taajjabdoota keenya ka filannoo maqaa isaanii boordii Filannoo irraa guurratee mana hidhaatti naqaa jira, reebaa fi hiraarsaa jira kan jedhan obbo Baqqalaan filannoo taajjabdoota hin qabne geggeessuuf dhiisuu keenya murteessuuf jirra jedhan.

Nuti kan nuti uummataaf waadaa seennu kanaa fi sanan sii godha jennee gowwoomsuu utuu hin ta’ini yoo carraa arganne sirna dimokraasii fi haqaa diriirsuu dhaan uummati keenya jireenya wayyaawaa akka jiraatu gochuuf qabsoofna jedhechuun obbo Baqqalaan nuuf ibsaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:06 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG