Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taajjabdootii Gamtaa Afrikaa Filannoon Itoophiyaa Tasgabittii,Naga-Qabeettii fi Amanamtuu JechuunLabsan


Ethiopia Elections
Ethiopia Elections

Filannoo Itiyoophiyaa tana biyya alaati taajjabuuf ka dhufe Taajajbdoota Gamtaa Afrikaa qofa.Jarii kun gabaasa baaseen filannon tun filannoo ummati Itiyoophiyaa abbaa barbaade filachuuf carraa itti argate jedha.

Filannoo baranaallee paartii biyya bulchitutti shakkii malee moohata jedhani eegan.

Paartileen mormituu ammoo filannoon tun seera dhabeettii,dhaqa dhabettii fi ta doorsisaan taasisan jedhanii himatan.

Taatullee Taajjabdootii Gamtaa Afrikaa filannontun “Walaba fi haqa-qabeettii,” hin jenne.

Filannoo tana irratti Taajajbdoota Afrikaa 59 dhufee taajajbe. Hooggansaan gurmuu tanaa perzidaantiin Naamibiyaa ka durii-Hifike-Punyee Pohambbaati.

Gamtaan Afrikaa filannoon Itoophiyaa tasgabbeettii,nagaa-qabeettii fi amanamtuu tahuu isii argine.Filannoon tun filannoo ummatii abbaa barbaade filachuuf carraa argate.”

Paartileen filannoo ammoo filannoon seera qabeetii mitii buufatanii paartilee mormituu fi deeggartoota isaanii rakkisuun itti fufee jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:45 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG