Xurree ittiin seenan

Filannoo Itiyoopiyaa IHAGDEGtu injifate jedhe boordiin Filannoo

  • Eskinder Frew

Boordiin filannoo ba'ii filannoo labse

Boordiin filannoo ba'ii filannoo labse

Ba’ii filannoo jabn bara 2007 ifa kan taasisan dura taa’aan boordiin filannoo professor Merga Baqqaanaa raga hanga ammaatti argameen paartiin biyya bulchu IHADEG fi partileen isa jala jiran injifachuu isaa beeksisaniiru.

Paarlaamaan Itiyoopiyaa barchuma 547 kan qabu si’a ta’u barcumni kan qabamu namoota naannolee filannoo 547 irraa injifatanii dhufaniin ta’a.

Professor margaan akka jedhanitti naannolee filannoo 547 kana keessaa ba’iin hanga ammaa boordicha dhaqqabe kan 442 ti mara iyyuu IHADEG fi paartileen michoota isaa ta’aninjifachuu tuqaniiru.

Akkuma kanaan Finfinnee, naannolee Oromiyaa, Amaaraa, uummattotoa kibbaa, Tirgary fi kanneen biroo keessaa ba’ii ifa ta’een IHADEG guutummaatti injifachuu isaa ba’iin prefesor margaa Baqaanaan dubbifame ibsee jira.

Magaalaan Finfinnee barcuma mana maree bakka bu’ota uummataaf qabdu 23 keessaa digdamii sadanuu IHADEG injifatee jira. Naannoon Oromiyaa kan qabu barcuma mana maree bakka bu’ootaa 178 keessaa ba’iin kan 150 ga’ee jira. 150nu OPDOtu injifate.

Kana malees naannoon Amaaraa mana maree bakka bu’otaa keessaa kan qabu barcuma 138 keessaa ba’iin 107 beekamee jira. Mara iyyuu BAIDEN IHADEG injifatee jira jedha ibsi boordii filannoo.

Naannoon uummattoota kibbaa paarlaamaa keessaa kan qabu barcuma 123 keessaa kan 95 ifa ta’eefa. Sagaltamii shananuu DEHIDEN IHADEGtu injifate. Naannoo Tigraay keessaa filatamanii paarlaamaa kanneen seenan 38.kanneen 31 ta’an kan har’a beeksisame keessa jiru.

IHWEHAT/IHADEG mara injifate jedha. Naannolee dhaabota michoota ihadegn hoogganaman keessas ba’ii wal fakkaataan galmeessameera. Ba’iin filannoo naannolee 105 eegamaa kan jiru ta’uu isaaf fuula duratti beeksiamuuf jira jedhameera.

Barcuma kana keessaa mormitoonni injifatan yoo ta’e dura taa’aan boordichaa gaafatamanii deebii kenneen ba’iin isaa gutummaatti ennaa dhiyaatu beekama jedhan.Gareeleen mormituu hagi tokko filannoon sun dhiibbaa fi hiraarfamuun geggeessame dha jechuun komee isaanii dhageesisaa jiran. Boordiin filannoo Itiyoopiyaa garuu adeemsa milkaa’aa ture jechuun faarsee jira. Dura taa’aan boordichaa professor Margaa Baqwqaanaa kun akka milkaa’uuf kanneen qooda qabaatan jedhan galateeffataniiru.

Filannoon walii gala kan bara 2007 biyya keenya keessatti geggeessame haala tasgabbaa’aa dhaan xumurameera. Milkaa’ina kanaafis sadarkaa duraatti galateeffamu kan qaban uummata keenya dammaqinaan irratti hirmaate kan naamusa qabuu fi murannoo inni dimokraasiif qabu kan ajaa’isiisamu ta’uu isaa fi , kanas obboloota isaa Afriikaatiif mirkaneesseera.

Paartileen mormitootaa irra hedduun filannoo irratti hirmaatanis guyyaa filannoof isa booda haala tasgabbii qabuun ba’ii isaa eegaa waan jiraniif galata guddaa qabu. Manni maree bakka bu’ota uummataa deggersa guddaa inni nuu godheef hedduu galateeffanna. Mootummoonni naannoo fi ka Federaalaas nagaa fi milkaa’inaan akka geggeessamu deggersa guddaa nuu godhaniiru. Dhaabbati sabaa himaa itiyoopiyaa fi sabaa himaaleen martinuu ragaan dhugaa uummaticha akka dhaqqabu, filannoon sun kan nagaa, walabaa fi kan haqaa ta’ee akka xumuramuuf ga’ee gama isaanii gumaachaniriu jedhan

Ba’iin filannoo xumuraa ifa kan taasisamu Waxabajjii 15 bara 2007 ta’uu boordichi beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG