Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lola ABO fi Waraana Itiyoopiyaa


Dilbata darbe Naannoo daangaa Itiyoopiyaa fi Keeniyaa irratti waraana mootummaa Itiyoopiyaa fi adda bilisummaa Oromoo gidduutti wal waraansi geggeeffamuu isaa gaazexaan Keenyaa “Standard ” jedhamu marsariitii isaa Standard digital jedhu irratti beeksisee jira. Kana irratti VOAn afaan Swaailii illee waraanni mootummaa Itiyoopiyaa daangaa ce’ee Keeniyaa keessatti haleellaa geggeessuu isaa gabaasee ture.

Gama kaaniin garuu ABOn kan tarkaanfii waraanaa fudhanne biyya keessatti jedha. Wal waraansa geggeeffameen waardiyyaan mana barumsaa sadarkaa duraa tokko ajjeefamuu fi hospitaalli Moyaalee haleelamuu marsariitiin kun hubachiisee jira.

Loltoonni Itiyoopiyaa ammaan dura yeroo adda addaatti daangaa Keeniyaa seenaa akka turan komiishinerri konyaa Marsaabit Piitar Tukuu ibsanii jiru.

Gama kaaniin Addi Bilisummaa Oromoo duula waraanaa kan geggeessu lafa Oromiyaa irra qofa ta’uu dubbi himaa kan ta’an obbo Toleeraa Adabaa ibsanii jiru. Garuu mootummaan Itiyoopiyaa daangaa ce’uun Oromoota Keeniyaa keessaa hiraarsuun waan baratame jedhan.

Mootummaan Keeniyaa hidhattoonni ABO Keeniyaa keessa hin jiran jechuu isaa marsariitiin “Standard Digital” ibsee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:26 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG