Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perezd. FIFA hujii irraa bu’aa perezdaantii CAF, Isaa Ayaatuu,Diyaagoo Maradoonaa fi hedduutti hujii tanaa dorgomuutti jira


SePP Blatter
SePP Blatter

Siwiisi fi USA bulchoota FIFA,Federeshiinii Kubbaa Miilaa Addunyaa horii doolara miliyoona nedduu nyaatanii balleessan jedhanii himachuutti jiran.

Warra dubbii tanaa jedhee hujii irra bu’u keessaa tokkoo perzdaanti FIFA,Sepp Bilaateriit.

Hujii tanaaf amma nama hedduutti dorgmuutti jira; perzdaantin CAF, Konfidereshiinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Issa Hayatou,itti gaafamtaa federeshiinii kubbaa miilaa Laayberiyaa,Muusaa Bilitii, taphataa kubbaa miilaa Arjentiinaa ka durii, Diyaagoo Maradoonaa ,itti gaafatamaa UEFA Federeshiin kubbaa miilaa waldaa Awurooppaa Mitchel Pilaatinii,ilma Nugusa Jordan Prince Ali Bin al-Hussein,tapahtaa kubbaa miilaa Poortugal beekamaa Luis Figoo fi nama hedduu.

Dubbiin bulchoota FIFA ta duriitiin himatan nama hedduu tuttuquutit jirti.Itti gaafamtaan FIFA ka durii ka dhalootaan Aybori Kosti tahe Jacques Anouma doolara miliyona 1 fi kuma 500 gumbo nyaate jedhanii qorachuutti jiran.

Bulchoota FIFA yoo akka Raashiyaan dorgommi waancaa kubbaa miilaa bara 2018 fi Qataar dorgommii waancaa kubbaa miilaa bara 2022 qopheessitu tolchnaillee gumbo nyaatan jedhanii himachuutit jiran.

FIFA gaafa akka Qataar dorogmmii waancaa kubbaa miilaa 2022 qopheessitu kennaniif doolara miliyoona 1 fi kuma 500 hoteelii Angoolaa Luaandaa keessatti fudhataniin himatan.Qataar mormachumatti jirti.

Neymaar tapha afur adaban

Dorgommii Kopa Amrikaa ittuma jiranii taphataa Biraazil beekamaa Neymar adabanii tapha afur irraa dhaaban.Neeymar tapha Biraazil Kololbiyaa waliin taphattee 1-0 moohmate irratti taphataa Kolombiyaa Pabloo kubbaan hadhee adabame.

Kopa Amerikaa dorgommii kubbaa miilaa ta biyyootii South Amerikaa gannuma gannatti waliin tapahtan.Eegii jalqabanii guyyaa 11 keessa jiran.Torbaan lamaan duubatti dhuamta.Biyya 12 taphachuutti jira haga ammaatti marro sagal taphatanii goolii 40 gale.

Dorgommiin tun 44essoo biyya Chiilee keessatti taphachuutti jiran.Biyya jaalatii kubba miilaa macheessitee ufi wallaalchiftetti itti jira.Chiilee, Meksikoo, Arjentinaa, Urugaay, Biraazil,Kolombiyaa fi biyya olloota walii 12 baruma baranbaan taphata.Dorgommiin tun torbaan lama keessatti dhuamttii Iftaan Chiilee fi Urugaayitti waliin tapahta.

Dorgommii U20

U20(under 20) maqaa dorgommii waancaa kubbaa addunyaa ijoollee ganna 20 gadiiti. Marroo 52 tapahtanii goolii 152 gale biyya 24 wal irra marsee taphachaa bahe.Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ijoollee ganna 20 gadii ya dhumattee Sirbiyaatti Biraazil 2-1 moohee mootummaan galate.

Serbiyaan takkuma dorgommii akkanaa mootee hin beettu. Dorogmmii U20 tana irratti biyya 24 dorgome.Tana keessaa afur Afrikaa. Dorgommii tana irratti Biraazil lammeessoo, Maaliin sadeessoo,Senegaal afreesso taate.

Warra goolii hedduu galchuun badhaamfame keessaa tokkoo taphataa Maalii Adama Tiraa’oreetii kubbaa warqi badhaafame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG