Xurree ittiin seenan

Qabiyyee mirga namaa Itiyoopiyaa fi addunyaa ilaalchisee gabaasa ministriin dhimma alaa Amerikaa baase

  • VOA

Mootummaan Itiyoopiyaa fi angawoonni isaa bara 2014 keessa dhiitamiinsa mirga namaa hedduu raawwachuu isaanii ministeerri dhimma alaa US beeksisee jira. Yeroo hedduu dhiittaan mirga namaa kun kan raawwatamu qajeelfamni heera irra taa’an hedduun irra daddarbamuun ta’uu gabaasi ministeera dhimma alaa kun beeksiseera.

Ijaarsa gandeenii ilaalchisee dhiittaa mirga namaa ragaaleen mirkaneessan kan hin dhiyaanne ta’uu isaa, garuu uummata qubsiisameef waadaan seename hin guutamin hafuu isaa ykn immoo boodatti harkifachuu kun ta’uu baatus caasaaleen misooma bu’uuraa utuu hin diriirsamin namoonni qubsiisamuu isaanii gabaasi kun ibsee jira. Namoonni callisanii hidhamuu fi akkaataa hidhamtoonni itti qabaman akkasumas adeemsi seeraa jal’achuu ilaalchisee kutaa jalqabaa har’a dhiyeessina. Ministeerri dhimma alaa Us Johan Keryyn gabaasa qabiyyee mirga namaa addunyaa kan waajjirri isaanii barana baase irratti yaada kennaniin seenaa dhala namaa keessatti qabsoon kabajaaf geggeessamu humna gara fuula duraatti nu tarkaanfachiisu jedhan.

Gara sanatti kan oofu immoo qabeenyaa keenya walii galaaf galma nuti bira ga’uuf hiixanno ykn fedhii nuti qabnu.Jireenyatti jiraachuun, walabummaa fi gammachuu barbaaduun daangaa keenya kan biyyoolessaa fi andaara galaanaan daangeffamuu kan hin dandeenye galma keenya itti gala ti jedhan.

Ministeerichi dhimma alaa gabaasa kan irratti akka tuqanitti naannoo addunyaa irratti mootummootaa fi gareelee shororkeessotaa kan mootummaa hin taaneen waggaa darbe dhala namaa irratti dararaa fi dhiphina hedduun raawwatamuu isaa ibsaniiru.

Mootummoonni China, Masrii, Ertraa, Itiyoopiyaa, Iraan, Raashiyaa fi Saaud Arabiyaa akkasumas kanneen biroon gaazexeessota, kanneen marsariiti irratti barreessan kanneen utuu jeequmsa hin kaasin isaan qeean hidhauu, midiyaalee walabaa fi ifa ta’an ukkaamsuu fi hawaasaaleen sivikii akka hin babal’anne hacuucuu itti fufaniiru jedhan Johan Keryn.

Haalawwan kun martinuu utuma jiranii garuu dhalli namaa walabummaa isaa kan siyaasaa, bulchiinsa haqaa fi dararaa irraan hin geenye argachuuf qabsoo inni geggeessuuf fedhiin isaa kun amma iyyuu cimaa dha jedhaniiru.

Akka ministrii dhimma alaatti naannoo addunyaa irra ennaan naanna’u mirgoonni dhala namaa eegamuu isaani mirkaneessuuf guyyaa guyyaatti gootota jireenya isaanii balaaf saaxilan yeroo yerootti argeen jira, kana kan godhan haleellaan akka isaan irra ga’u utuu beekanii, akeekkachiisi utuu itti kennamuu sagalee isaanii ukkaamsuuf mootummoonni utuma isaan doorsisanii ti jedhan Kerryn.

Waajjirri ministrii dhimma alaa US motummoonni walabummaa dhala namaa akka kabajan dhiibbaa gochuu akka itti fufu ministeerichi dhimma alaa Keeryn yaadachiisanii hawaasa siiviliif sagalee ta’anii falmuu eegumsa dhala namaa maraaf immoo iyyuu kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Gabaasii waggoota 39f walitti aansuun ba’e kun kan qophaa’e waajjirri ministrii dhimma alaa mana maree bakka bu’oota uummataa Ameearikaa biraa hojii itti kennameen ta’uu kan tuqan Kerryn, US imaammata ishee alaa yeroo qopheessitu gabaasa akka qajeelfamaatti tti itti gargaaramtu illee mana marii bakka bu’ootaaf dhiyeessuu isaanii illee beeksisaniiru.

Keeryn ibsa gabaasa Sanaa irratti akka tuqanitti president Barack Obaman jalqaba waggaa kanaa gumii walii gala 69ffaa kan TM irratti haasaa dhageessisan keessaas haga tokko tuqanii jiru.

Mootummoonni gurguddoo ta’an xixiqqoon qajeelfamoota sadarkaa addunyaa hojii irra oolchuuf itti gaafatama keenya ba’uu qabna. Waa’ee mirga namaaf kan jiru qajeelfama jechoota abdii of keessaa qabu kan sadarkaa addunyaa jalaa boodatti hin jennu. Addunyaan akka ta’uun irra jiraatu akka ta’utti hojjechuu filannoo godhanneera jedhan.

Bara 2014 keessa gabaasi mirga dhala namaa ministrii dhimma alaa US kan kuta Itiyoopiyaa ilaallatu gabaasa qabiyyee mirga namaa biyyattii gamaaggamu kan baase, namoota callisanii hidhuu, akkaataa hidhamtoonni itti qabaman, murtiin haqaa dhabamuu, ergaa dhuunfaa fi, akka maatiitti daddarbu saaxilamuu fi walabummaa presii akkasumas qeeqa irra ga’u ukkaamsuuf mootummaan seera maqaa balleessuu ilaalchisee jiru akka meeshaatti itti gargaaramuu isaa, walabummaa interneetii, walabummaa sirna barnootaa, waltajjiiwwan aadaa, nagana wal ga’uu, walabummaa ijaaramuu, malaammaltummaa mootummaa keessa jiru, ifa ta’uun dhabamuu isaa, paartilee polotiikaa fi hirmaannaa polotiikaa mata duree jedhanitti addaan qoodamee jira.

Heerrii fi seerri biyyattii namoota callisanii hidhuu kan dhowwu ta’us mootummaan garuu qajeelfamoota kana yeroo hedduu hin kabaju jechuu dhaan gabaasi ministrii dhimma alaa kun gamaaggama isaa kan Itiyoopiyaa kan eegalu. Guutummaa biyyattii keessatti poolisii fi humnootii naga eegumsaan namoota callisanii hidhuun akka raawwatamu kan ibsan gabaasaleen jiraachuu isaanii tuquu dhaan

Addaan baasee immoo naannoo Somalia keessatti namoota callisanii hidhaatti naquu, dhiitamiinsi mirga namaa akka geggeessamu siivilonni naannoo sana keessaa hojjetaniif sosso’an dhaaboliin sadarkaa addunyaa kan mootummaa hin ta’in akkasumas waaltaaleen gargaarsaa kanneen biroon gabaasuu isaanii ibsee jira.

Gama biraan immoo kanneen hidhamanii jiran sa’aatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaatanii himannaan akka irratti dhiyaatu heerri ajajus angawoonni garuu ajaja kana akka hin kabajine gabaasichi ibsee jira.

Uummanni bakka seeraan beekameen ala akka hin hidhamne seerri ajajus hidhattoonni naannoo jiran qaamotiin seera eegsisan mul’inatti beekamanis beekamuu baatanis waaltaalee hidhaa mul’inaan beekaman kanneen kudhanii ol ta’an keessatti kan nama hidhan ta’uu gabaasichi ministrii dhimma alaa Ameerikaa kun beeksiseera.

Sirni hojii irra ooluu qabu kan wabiin gad dhiifamuu jiraatus akkaataan hojii kun garuu shororkaa uumuu, ajjeechaa, mootummaa irratti fincila kaasuuf shiruu fi namoota malaammaltummaan himatamaniif kan hin hojjenne ta’uu isaaf, kanneen mirgi wabii eegamuufis qarshii 500-10000tti waan isaan barbaachisuuf kun immoo humna namoota hedduutiin oli ta’uu babaasichi tuqee jira.

Namoonni hidhaa keessa jiran hagi tokko gorsa seeraa akka hin argamne ta’uu isaa fi waa’ee fayyummaa isaanii ilaalchisee raga guutuun waan akka hin jiraatin, maatiin isaanii akka isaan hin gaafanne dhorkamuu isaanii kan ibsan gabaasaaleen jiraachuun isaanii ni dubbatama.

Angawoonni yeroo hedduu namoota ajaja hidhaa malee to’annaa jala akka oolchan kan ibsu gabaasi kun fakkeenyaaf Ebla 22 magaalaa Finfinnee keessatti angawoonni naga eegumsaa dura taa’aa paartii tokkummaa dimokraasii fi haqaa kan damee Finfinnee Zekariyaas Yemane Berhan fi gaazexeessaa gaazexaa Finote-Selam Nebiyu Haaiyluu dadammaqiinsa kennuuf daangaa dabartan ittiin jechuu dhaan hidhanii Caamsaa 4 himannaa utuu irratti hin dhiyeessin gad dhiisamuu isaanii tuqeera.

Himannaan utuu irratti hin dhiyaatin waggoota hedduuf hidhaa keessa jiraachuu isaanii kan dubbatan hidhamtoonni hagi tokko jiraachuus gabaasichi ibseera. Adeemsi seeraa lafa irra harkifachuun yeroo hedduu kan mudatu adeemsaawwan murtii yeroon dheerachuu, lakkoobsi namoota hidhamanii hedduu ta’uu, dandeettiin qaama murtii kennuu hanqachuu fi sabaaa hanqina humna namaa ta’uu beeksiseera.

Seerri, qaami murtii kennu walaba akka ta’u ajaja kan jedhu gabaasi kun, dhaddachi yakka ilaalu garuu dadhabaa ta’ee itti fufuun dhimmootii humna isaa ol ta’e ilaaluu fi dhiibbaa siyaasaaf saaxilamuu isaa tarreessee jira.

Seerri, ajaja mana murtii malee qabeenyaan nama dhuunfaa akka hin sakatta’amne ajajus angawoonni yeroo hedduu seera kan hin kabajneef manneen murtiis ragaalee ajaja malee walitti qabaman fudhatama hin dhabiisan jedha gabaasi kun.

Waggaa guutuu poolisiin manneen jireenyaa musliimota Finfinnee keessa jiraatan halkan akka tasaa seenuu dhaan ragaa namoota shororkeessummaan himatee fudhachuu isaa ibsuu dhaan mootummaan garuu poolisiin ragaa qaba jedhuu dubbachuu isaa tuqee jira.

Gabaasa isa itti aanu irratti hoogganoota mormitootaa irratti yakka raawwatame jedhamee fi adeemsa ijaarsa gadeenii, walabummaa presii, malaammaltummaa mootummaa fi ifaa fi walaba ta’uun hanqachuu akkasumas paartilee siyaasaa fi hirmaannaa isaanii kan siyaasaa kan ilaallate kutaa gabaasichaa fi deebii mootummaa Ethiopia qabannee dhiyaanna.

XS
SM
MD
LG